A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 04.29.21

 

Oromo News 04/29/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Deparmantiin Qorattooni naanna Morningside Stem Elementary school jirutti qorannoo ajjeecha qorataa jiru. Officer mana naanna sanitti argamu keessati sababa qawweetin dhiira tokkoofi dubartii takka kan duute arggee jira. Qorattooni dhimmi kun nama galchuu hundaa adda baasani kan laalanidha akkasumas waan kanaafis shakitoota hin barbaachisu jedhani. Dubattaan akka jedhetti yaalin ajeecha kun ufiin uf ajjeesu danda’ama himanni jedhu hin jiru.

Guyyaa kaleesa se’aati booda mucaa wagga saddeeti Woodbury County keessati sababa qonnaa kan due gabaasa gahaa akka hin basin himan. Balaan kun kan muudates bakka qonnaa east Climbing Hill jedhamutti.

Jirraatan Iowa tokko Ergaa Sagalee sodaachisa Gov. Kim Reynolds dhaaf kaahe kan himate akkaa hasa free speech taetti eegu jira.

Harvey Hunter umriin isaa 48 kan tae sababa ergaa sagalee waajjira governor jalqaba January kaahef first degree akka itti murtaahe himan. Reynolds biyyati guutu keessati haguugi fuula itti fufsiisu qabdi jedhuun kan dhaabameedha.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka mullisutti sababa covid-19 guyyaa har’aa seati 24 keessati namni tokko akka due himan, namni haarawa qabame ammo 500 yoo tau, namni 12 Woodbury County keessaayi. Biyyati guutu keessati qorannoo bulti 14 godhameen namni qabame parsanti 4% akka tae himan. Woodbury County keessati ammo parsanti 3.8% dha.

Lakkoofsi barattoota High School kan community college deemu qabxii guddaa Iowa keessati dabalanii jiru, kunis Sioux City Community school District kan uf keessati dabalatuudha. Lakkoofsi kuni wagga darbee irraa parsantii 9% dhaan dabalee jira. High school sadihiifi Sioux City career academy barattooni 1,500 ta’an Western Iowa Tech Community College galmaahani jiru. Akka biyyati guututi parsantii 2.5% dabalee jira.
 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content
  • Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka himetti namni haarawa sababa…