A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 04.28.21

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka himetti namni haarawa sababa Covid-19 namni haarawa sadii kan due yoo tau namni haarawa qabame ammo 500 dha, namni torba Woodbury County keessa dabale. Akka dhukubni kun jalqabee jiraattoni Woodbury County 15,000 corona virus kan qabaman yoo tau namni 224 ammoo kan dueedha.

Qorannoo bulti 14 keessati godhameen Woodbury County keessati namni qabame parsantiidhan 4.1%, kunis mootumman biyyati guututi parsantii 4% kan taruudha.

Deparmantiin mana fayyaa Dakota County akka ibsa baase karoora godheti  talaalin corona virus clinic South Sioux City keessati kan kennamu guyyaa buriidha. Sclinic schedule kan godhes seati 2 hang 6p.m tti bakka El Ranchito Cornhusker drive birrati. Clinic kan bannameef jiraatota Nebraska fi Iowa kan ta’aniidha. Dura galmaahun kan gorfamu yoo tau garuu dirqamaa miti. Galamaahudhaf gara website vaccinate.ne.gov. deemu ni dandeesu.

Baayyinan Iowa keessati fedhiin talaali corona virus fudhachuu xiqqaata deeme jira, Governor Kimm Reynolds akka jetteti ogeeyyin fayyaa bakkeewan gabaa qonnaan bultoota fi bakka sport tti talaali kan akka kennan karoorfatani jiru. Jirattoni Iowa 65% hanga May fi parsantiin 75% hanga June talaala akka fudhachuu qaban governor karoorsite jirti. Parsantii 70% hanga 85% jiraattota naanichaatif ufirraa eegumsa gahaadha jedhani jiru. Jirattoni Iowa hanga guyyaa harbaa har’ati namni million1 yookin harki saddaffaa ummata talaali kana akka fudhatanii jiran himan.

Kun kanumaan osoo jiru, ogeessi fayyaa state bara 2020 keessa namni sababa opiod due percent 35 akka tae himan. Iowa surge mirror kan walii gala kan mullisuudha.

Wagga darbe keessa namni sababa opioid due nama 211 dha, kunis bara 2019 irraa 54 kan dabaleedha.

Gabaasni galmee Des Moines akka ibsitu virus kun dabaluuf sababa kan tauu dhabe ifa akka hin tain himan. Haatau malee, virus wajiin sababin walitti dhufeenya qaban adda bahu fi wal’aansa fayyaa kan nama gahan xiqqaachun dabalee kan tau akka tae himan.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content
  • Oromo News 04/27/2021Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.Dakota County keessati guyyaa kaleesa…