A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 04.08.2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Governor Iowa Kim Reynolds guyyaa har’aa waa’e talaali corona virus irraa dubbatanii jiru. Reynolds akka jetteeti jiraattoni Iowa parsantii 44% kan wagga 18 fi sanii ol ta’an talaali corona virus akka fudhatani jiran himan. Lakkoofsi nama talaali kan fudhata kan umriin isaa 65 fi sanii ol ta’an kan harka lamaan dabalata ta’eedha. Akka talaali waliigalatti Iowa lakkoofsa 9th kan jirtuudha. Reynolds akka jetteti garee muraasa warra ta’aniifi barattoota college kan ta’an akka talaali kun kennamuuf karoorfatani jiru.  Reynolds akka jetteti talaali corona virus dhaaf qarqaarsa guddaa kan aragtan osoo hin tain namni virus dhaaf talaali kana kan fudhatan beekudhaf passport laalun akka dhoorka tae himan.

Governor Republican kan biraatis talaalidhaaf passport akka hin fayyadamne dhoogani jiran. Akkasumas Governor Kim Reynolds warra seera baasuufi kan hojiirra oolchulle irrati tarkaanfi fudhachuuf akka qophoo ta’an himan.

White House torbaan kana jalqaba irrati akka jedhetti talaali kanaf passport akka hin barbaachifne hime. Akkasumas kaapaanidhan dhunfaa talalaali murteessuf kan fayyadaman tauusa yeroo biraa kan laalamu ta’a.

Kuni kanumaan osoo jiru, deparmantiin mana fayyaa Iowa akka gabaasetti guyyaa har’a sababa Covid-19 namni 13 akka due ibse, namni haarawa qabame ammo 750 ol dha, namni 23 Woodbury County keessati kan qabameedha.

Akka state waliigalatti qorannoo seati 24 keessati godhame dhukubichi akka dabalaa jiru himan.

Akka virus kun jalqabe irraa namni waliigalatti due 5,835 dha, kana keessa parsenti 40% long term facilities keessa kan dhufeedha.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content