A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 03/31/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Talaali corona virus torbaan dhufti irraa State Siouxland Sadii keessati akka banamee nama hundaa kennamu himan.

State Nebraska nama umriin isaani 18 fi sanii ol ta’anii hundaafu guyyaa wiyxata April 5th  irraa jalqabee  akka talaali kennamu karoorfatan.

Iowa Governor Kim Reynolds akka jetteti  kan amma irrati xiyyeefatanii jiruu jiraattota Iowa hayyama seera qaban hundaafu minority fi garee godaanaa dabaltee akka talaali kun bira gahuu hojachutti akka jiran himte. Reynolds akka jetteti qorannoo CDC akka mullisuti talaali kun karaa guddaa uf eegudandeenufi nama biraas Covid-19 irraa tiiysu dandeenu akka tae himte.

Reynolds akka jetteti parsantii talali corona virus gara 75% ol guddatee jirta, jiraattoni Iowa hayyama qaban hunduu isaani July irraa jalqabe kan kennamuudha.

Namni kamuu South Dakota umriin isaani 17 fi sanuu olta’an torban dhuftu keessa talaali corona virus kennamuu akka gahaa ta’an himan. Gabaasni kunis kan bahe akka biyyati guututi kan laalameedha.

Beelamni gara Siouxland District Health hanga ammaa kan banaa jira talaali kunis guyyaa Kibxata fi Kamsaa Siouxland Expo Center kan Sioux City keessati argamuti kennamu ta’a. talaali Pzifer jiraattota Iowa umriin isaani 16 fi sanii olta’aniif kan kennammuudha.

Ogeessi fayyaa Woodbury County akka gabaasanitti namni haarawa Covid-19 qabame seati 24 keessati 42 akka tae himan. Akka jarri nama gorsaniiti namni tokko yoo dhukubsate mana taa’u, bakka walitti qabamani irraa uf eegu, fi wayta danda’an taali corona virus akka tae himan.

Qorannii bulti 14 keessati namni Woodbury County keessati qabame 7.1% dha. Akka biyyati guututi 4.6% dha.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka mullisutti namni haarawa covid-19 qabame 500 yoo tau namni haarawa due hin jiru.

State keessati namni amma sababa Covid-19 hospitaala jiran 191 dha, kana keessa namni 17 hospitaala Sioux City lama keessati yaalamu jiru.

Oduun kaan isiinif qophahee karaa Seaboard Triumph Foods kan Sioux City Iowa keesayii, karaa gamachutiin Siouxland kessati bara 2017 irraa jalqabee hawasaa kana deegaru. Odeefannoo dabalataa yoo fetee wa’ee Seaboard Triumph Foods malloo wesayitti kanaa senaa, Siouxcitypork.com.

Related Content