A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 03.24.2021

Marsaa haarawa maneen kiraa fi qarqaarasa biraa jiraattota Iowa dhaaf kan sababa Covid-19 miidhaman qarqaarsa jia 12 gahu kan godhamu ta’a. Governor Kim Reynolds oduu guyyaa kan conference har’aa irrati ibsite jirti.

Marsaa haraawa maneen kiraa nama qarqaaru fi qarqaarsi biraa guyyaa Wiyxata irraa kan jalqabu ta’a. Dollar million 195 kan federal irraa Covid-19  kenname kan keessa galu ta’a. qarqaarsi kunis kan kennamu kafaltii manneeni yeroo malee, kafaltii waa itti fayyadaman, fi qarqaarsa fulduraatif kan oolu ta’a. bulchiinsi sababa dhukkuba kanaaf jecha mana kirraa kan jia afuri kan kaffalu ta’a.

Iowa April 5 irraa jalqabdee talaali corona virus nama hundaa banuudhaaf karaa sirrii irra jirti Governor Kim Reynolds akka jedhetti torbaan dhuftu keessa jalqaba. Amma bakkee gariiti jiraattoni Iowa umriin isaani 65 fi sanii ol kan ta’an fi dhukkubi guddaa kan qaban awwalatti talaali kan kennamuuf ta’a.

Reynolds guyyaa har’aa warra nama lama guyyaa kibxata Anamosa State Penitentiary mana hidhaa kessati ajjeefamniif warra isaani, hirriyoota, fi warra waliin hojataniif kanadhaa yookin duaai godhaniifi jiran. Akkasuma Reynolds ummata gaafate akka obsa qabaataniifi kabajaa akka qabaataniif himan.

Senate Iowa gabaasa akka Reynolds ergete ummani jalqaba irrati Sate keessati Meesha qawwee kan harkaa bituudhan dhooysadhan kan hayyama hin qabne fayyadama turan. Hisaabni seerra hayyama biyyatiifi qorannoo duyda duuba kan dhoorgudha.

Dhalataan Sioux City Chris Godfrey’s anti-gay irra kan hundaae himannaa Branstand bulchaan bara 2011 wayta bulchiinsa fudhatan barcumicha gadi dhiisu waan fedhii hin qabneef kaffaltiin jaraa irraa akka xiqqaatu himan.

Related Content