A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 03.22.2021

Oromo News 03/22/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka mullisutti jiraattoni Iowa million qixxee ta’an talaali Covid-19 fudhatanii akka jiran himan.

Governor Iowa Kim Reynolds talaali corona virus nama umriin 16 fi sanii olta’an akka banamu himte.

Siouxland District Health talaali corona virus dhaaf clinic Tyson bane wiyxata fi kibxata dhuftu irraa beelama kennuudhaf jiraatota Woodbury County dhaaf akka baname himan.

Nebraskan April dhuma irrati yookin jalqaba May irrati talaali corona virus ummataa dhiyeesudhaf akkuma karoorfatanitti jiru, garuu Governor Pete Ricketts akka jedheti sababiin baayen murti murtaahe diigu nidanda’a jedhee jira.

Nebraska ammati kan xiyyeefate talaali kennuufi jirtu nama umriin isaani 50 – 64 jiruu fi nama dhukkuba bira qabuu akka kennitu himte.

South Dakota keessati talaali corona virus namni dabalata kuma kudhan ta’an dabalataan akka fudhachuu danda’an himan. Deparmantiin mana fayyaa Kan State garee dursaa biraatif talaali baneefi jira. Kunis kan uf keesa qabatuu firefighters, nyaata, agriculture, fi hojattoota transportation dha. Ammati, 37% South Dakota keessati talaali tokko fudhatanii jiran, jiraattoni baaye taalali fudhachu akkak hin feene himan.

Halkan kana, board mana barumsa Sioux City fandii Covid-19 kan biraa irrati mari’atani jiru. Guyyaa jimaata, Iowa Deparmantiin kan barumsa kan state akka gabaasseti sababa dhukubu kana maneen barumsa federal relief million $775 akka gadi dhifameefi jiru himan.

Member board mana barumsaa tokko akka jedhe Siouxland Public Media himetti, aanan mana barumsaa aid million 43 kan argatu  yoo tau waliigalatti kan argatu million $63 dha.

Oduun kaan isiinif qophahee karaa Seaboard Triumph Foods kan Sioux City Iowa keesayii, karaa gamachutiin Siouxland kessati bara 2017 irraa jalqabee hawasaa kana deegaru. Odeefannoo dabalataa yoo fetee wa’ee Seaboard Triumph Foods malloo wesayitti kanaa senaa, Siouxcitypork.com.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content
  • Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.Deparmantiin mana fayyaa Iowa guyyaa har’aa namni 6 sababa…