A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 03.17.2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Gov. Kim Reynolds jiraattoni Iowa hundinuu hanga April 5th tti talaali Covid-19 argachuu akka danda’an himan.

Reynolds akka jetteti talaali corona virus akka mootuma fedraala kaahameti kan eegamu hanga dhumaati akka tae himte.

Ogeessi White House akka jedhetti March 29th irraa jalqabee baayyiinan guddaan gudisuun kan yaalamu akka tae hime jira. Kunis haala state torbaan toko keessatin argattu haala laman dabaluu akka malus himan.

Akkaata State data jedhetu, jiraattoni Iowa parsanti 30% ta’an kan umriin isaani 18 fi sanii ol ta’an talaali corona virus kan jalqabaa fudhatanii jiran, akkasuma namni umriin isaani 65 fi san olt’an parsantiin 95 fudhatee jira.

Long term care facility Covid-19 baaye kan miidhame akka tae himan. Garuu ogeessi state akka jedheti sababa talaali corona virus kan akka dandamataa jiru himan.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka gabaaseti virus haarawa kan UK keessati argamee ture Iowa keessatille nama 38 irrati akka mulatte himan. Nama torbaa kan argame Plymouth County keessatti.

Ogeessi fayyaa akka jedhetti virus yeroo muraasa booda waan jijjiiramu danda’amuf haala qaraa caala waan namati daddarbuu danda’uuf yeroo ammaaknatti talaali corona virus fudhachuun baaye dirqama akk atae hime.

Dabalataan, babalinna Covid-19 eegudhaf jiraattoni Iowa akka tattaafi godhaniifi uf eegan akka itti fufuu qaban himan.

Odeffanoo dabalataaf waa’e talaali irrati argachudhaf gara website vaccinate.iowa.gov. laalu didandeetu.

Oduun kaan isiinif qophahee karaa Seaboard Triumph Foods kan Sioux City Iowa keesayii, karaa gamachutiin Siouxland kessati bara 2017 irraa jalqabee hawasaa kana deegaru. Odeefannoo dabalataa yoo fetee wa’ee Seaboard Triumph Foods malloo wesayitti kanaa senaa, Siouxcitypork.com.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content
  • Oromo News 03/16/2021Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.Deparmantiin mana fayyaa Siouxland lama…