A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 03.16.2021

Oromo News 03/16/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Deparmantiin mana fayyaa Siouxland lama keessati corona virus gosa haarawa kan U.K argamee turee akka argamee himan.

Guyyaa  har’a, Director mana fayyaa Siouxland akka jedhetti virus gosa haarawa kuni March jalqaba irrati Woodbury County keessati argamuu isaa himan. Namni biraa haaroyni hin qabamne.

Kuni Kanaan osoo jiru, Northeast Nebraska Public Health Department yeroo jalqabaaf virus kun akka mulatte himan. Health department akka jedhaniti Counties kan akka Cedar, Dixon, Wayne, fi Thurston keessati kan mulatteedha.

Virus haaroyni kunis saffisaan  kan dadarbuu fi miidha baaye fiduu akka dandau himan.

Kuni kanumaan osoo jiru, mana fayyaa Siouxland akka gabaasetti jiraattota Woodbury County dhaaf clinica haarawa sadii kan talaali itti kennamu Tyson keessati akka baname himan. Kunis kan jalqabu March 25th, 29th, fi 30th kan tau yoo tau nama umriin isaani 16 fi sanii oltae hundaafu CDC dhaan kan kennamuudha. Beellamu qabachuu kan dandaumus guyyaa kamsaa seati 3 pm Website health deparmanti  siouxlanddistricthealth.org irratti fi bilbilaan ammo 712-234-3922 irrati akka beelama qabachuu dandeettan himan.

Guyyaa har’a, deparmantiin mana fayyaa Iowa website issaa akka mullisutti jiraattoni Iowa 413,000 kan ta’an talaali fudhachuudhan Covid-19 ufirraa dandamatani jiran. Namni haarawa due nama tokko yoo tau kan haarawa qabame ammo 400 dha.

South Dakota board akka jedhetti jia dhuftu kannniin keessa public University jaha ta’an akkuma qaraatti mana barumsaati qaaman kan deebian akka ta’an himan. Director bordi executive akka jedhetti murti kana kan murteesse talaali corona virus kan argame kan irrati hundae akka tae himan. Kunis University South Dakota kan Vermillion keessa kan dabalatu ta’a.

Oduun kaan isiinif qophahee karaa Seaboard Triumph Foods kan Sioux City Iowa keesayii, karaa gamachutiin Siouxland kessati bara 2017 irraa jalqabee hawasaa kana deegaru. Odeefannoo dabalataa yoo fetee wa’ee Seaboard Triumph Foods malloo wesayitti kanaa senaa, Siouxcitypork.com.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content