A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Ogeessan fayyaa Nebraska Akka jedhetti State yeroo ammati dhukkuba Covid-19 haala jajjaba ta’een

Ogeessan fayyaa Nebraska Akka jedhetti State yeroo ammati dhukkuba Covid-19 haala jajjaba ta’een akka keessa seenan himan.

Duuti Nebraska keessati kara nama 500 gahee jira akkasumas namni hospitaala galus guddataa deemu jira.

Namni haarawa qabame 400 yoo ta’u, akka dhukubni jalqabe irra namni waliigalatti qabame 47,800 gaheera.

Ogeessi fayyaa Nebraska akka jedhetti bakka ciisicha gugurdaan harka sadi keesa tokko qofa akka argamu himan.

Gareen Scientists fi warri walitti qaban University Nebraska akkasumas medicine Nebraska har’aa akka ibsa kenanitti, addaan qoodan akkana jedhanii jiru, “case irraa gudda kan surge ta’e fi nama hospitaala jiru hunda yeroo amma nurra jira. Virus kana akkamiti akka hin jifannu nibeeyna, garuu numattu shillaa godhee, namni dabalataa baay’en kan du’u ta’a yoo nu tarkaanfi hin fudhatini.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa nama dabalata du’e 7 himeera fi namni haarawa qabame ammo 350 oli. Mani fayyaa Sioux land nama du’e lama dabalataan gabaase jira, nama guddaa dhiira tookkofi dubartii tokko.

Torbaan lamaan tare keessati malattoodhan Covid-19 projectii South Dakota keessati jala deemudhan akka mulisuuti akka biyyaati 2ffaa irraa jirti, haala lakkoofsa nama haarawa qabamaa jiru mullisa jirutti. Iowa ammo 5ffaa irra jirti.

Filmaani kaluu kan November filatamuu har’a jalqabamee, kunis uf keessati warraa postaan filatu dabalateeti.

Too’ataan Woodbury County fi koomishinari filannoo Pat Gill akka jedheti ummata qaaman filatto guyyaa har’aa haala bareedan too’atu ture bakka long line Rec Center Downton Sioux City keessati. Iddoon kunis bakka ummani Woodbury County yewaan kan filatuufi.

Gill ummata kara xalayaatin filatuuf gorsa qaba. Akka inni jedhetti ajaja jallaa deemuu fi xalayyaan wayta deebistanis malatteesu akka hin daganne. Yoo xalayaa keesan saamsitan taate, garuu yoo waan barbaadan keessati barreesu dagatan taate xalaya san akka hin banne. Filannoon keessa ima lakkaawama. Garuu xalayaa erga cuftan yoo bantan taate filannoon keessan hin lakkaawamu. Kuni jechuunis filatichi adeemsa kana akka haarawati irra deebie jalqabu qaba.

Long line Rec Center filannoodhaf sanbatan lamaanis nibanamaa, se’aati 8:00 am irraa hanga 4:30 pm. kan turu ta’a.

 

Related Content