A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

NEWS 1.19.21: OROMO

Siouxland Public Media

Oromo News 01/19/2021

Barsiisonni Nebraska fi hojattooni meatpacking talaali Covid-19 hojattooni umriin isaani deeme umrii waggaa 65 ol ta’an kan jalqaba kennamu yoo tau hojattoota maraan wal gahuuf akka turu malu himan. Namni hojattoota barumsaa tokko marfee kana March as akka argachuu hin dandeenef baaye gadde.

Hojattaan fayyaa kan South Dakota muraasni naannawa baadiyati namni qabaman akka duubatti hin harkifamne gaafatan. South Dakota talaali kan kennan baaye kan ta’an yoo tau innis parsantii 6.5% dha, innis biyyati keessati lakkoofsa baaye gudaadha. State namni umriin deeme fi waggaa 80 ol ta’an talaali kennuu jalqabanii jiru.

Guyyaa har’a, deparmantiin mana fayyaa Iowa sababa Covid-19 namni 8 dabalataan du’uu gabaasan namni haarawa qabame ammo 1000, nama 15 Woodbury County keessa dabalame.

Qorannoo bultii 14 godhame Woodbury County keessati 1.1% akka gad buee himan. Parsantiin amma ittiin jiru amma 12.2% dha Counties Iowa 99 keessati 18 parsantii 15% oliin jiran. wanni kamuu parsantii 15% ol ta’an barumsi online akka deebiamu kan qabuudha.

Seera Iowa keessati qawwee irrati seera dbalataa dabaluudhaf Iowa house Representatives akka advance qabu himan.

Abbaan seera Republican fi Coalition Firearms kan Iowa waliin tauudhaf seera qawwee irrati godhamu akka qabamuu mormuu jirani. Democrats fi eeydonni qawwee dhoksaadhan warra qawwee qabachuu hayyama argachuuf waan gochuu kan qaban seera qawwee qabchuu kan diigu tauu nimala jedhan.

Yaada kana kara Puplic Safety Committee kan zoorsisan ta’a. seera baastonni Iowa bara 2019 keesa darbanii turan, fi hundumtii jaraatu waggaa kanas darbanii jiru. Sanbooda seera mootumma kan karoorfame bara 2022 kan filannoo namarrati fidamu ta’a.