A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Namni dabalataa baayen sababa Covid-19 kutaa Iowa keessati du’uun himame, namni lamaa Plymouth

Namni dabalataa baayen sababa Covid-19 kutaa Iowa keessati du’uun himame, namni lamaa Plymouth County keessa jiran dabalate.waliigalatti Iowa keessati namni due 950 dha. se’aati 24 keessati hanga har’a ganama 10:00 am keessati namni haarawa corona virus qabame 450 dha.

Manni fayya Siouxland magaala Woodbury County keessati namni haarawa qabame 5 ta’uu gabaasan.

Ogeessi fayyaa Dakota County namni haarawa COVID-19 qabame 2 jiraachu himan.

Kuni Kanaan osoo jiruu, leenji kubbaa harka South Sioux City erga tabataan tokko Virus qabamuun beekame booda akka yeroodhaf dhaabatu godhame.

Mani barumsa Catholic Bishop Heelan barattoni akka mana barumsaa August 25ffa irraa akka kutaati deebi’ani baratan himan.

Gaazexaan Sioux City akka himate, barattooni , barsiisoni fi hojattooni achii hundi haguugi mana barumsaa keessati kan uffattu yoo ta’u wayta nyaatafi hojii alaa akka hin uffane himame.

Jiraatoni Iowa 300,000 ol ta’an magaala gurguddoo sadii keessati sababa bubbee dheengaddatiin haga amma tajaajila ibsaa akka argataa hin jirre himame. Kunis akka gabaasa oduu Des Moines tti. Magaalan, akka Cedar Rapids fi Davenport keessati ifaan akkuma dhaameti jira. Akkasumas balaan bubbee kun oorudhan boqqolloo haga million 10 balleese, akka warri ogeesi wal tajjii himate.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content