A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

MercyOne Sioux land medical center akka jedhetti September 1 irraa eegale hojii ulfa baasu akka

MercyOne Sioux land medical center akka jedhetti September 1 irraa eegale hojii ulfa baasu akka dhaaban himan.

Manni fayyaa Sioux City murtii kana kan murteesine erga qorannoo hedduu irrati goone booda jedhe. Akkasumas naanicha keessati qarqaarsa fayyaa bayinan hin kennamne laalani akka qarqaarsa fi sagaanta babalisan MercyOne hayyama kenani.

Kuutaa Iowa tti har’a se’aati 24 keessati namni haarawa corona virus qabame akka baaye ta’e himame. kaleessa ganama as haarawa corona virus qabame 830 dha. Waliigalatti kan qabame 36,886 gaheera. Sababa virus namni haarawa due 18 dha , kunis june 2 as yeroo jalqabaati guyyaa tokko keessati namni kana marti kan due. 

Woodbury County keessati, sababa Covid-19 namni tokko du’uu gabaafame. Waliigalatti namni due 46 gaheera. Kunis guyyaa lamaffaa du’a sababa Covid-19 kan muldhatu magaalan Woodbury County kan gabaase. Namni haarawa har’a magaala Woodbury keessati qabame 14 dha.

South Dakota keessati namni haarawa har’a qabame 80 yoo ta’u kan haarawa har’a du’emmoo 2 dha.

Nebraska keessati namni haarawa har’a qabame 262 yoo ta’u kan haarawa sababa Covid-19 du’emmoo 5 dha.

Torbaan tarte keessati lakkoofsi ummata hojii dhabdummaa guutatan olgudattee jira.

Iowa Workface Development akka jedhanitti turban tarte keessati namni hoojii dhabdummaa guutatan nama 11,125 dha. Namni 1,195 olguddatee jira erga U.S labor Deparment torbaan tarte keessa erga nama 741 gad xiqqaate jedhan booda.

Lakkoofsi oluuma gudaata demaa, haga nama 2,820 ulgaddateera jira, erga Labor Department erga torbaan tarte 741 xiqqaate jedhan booda.

Woodbury County Sheriff’s akka jedhetti daa’ima waggaa 12 parkii little Sioux park jedhamuttii due. Wayta namni isaa basu dhufu CPR irrati irrati hojjatama ture. san booda gara Mercy One ergan erga booda du’e. Kunis yeroo sadafaatif sumer kana keessa northwest Iowa keessati sababa bishaan fudhate du’an. Mucaan due maqaan isaa hin himamne.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content