Oduu Har’aa
Manni yaala Iowa akka jedhetti namni 2 dabalataan sababaa coronavirus du’uun himame, walii galatti nama 118 dabalataan akka qabamanis himame.
Magaala Woodburry County keessatti namni 3 dabalataan dhukuba coronavirus qabamu, walii galatti nama 15 gahuun himame.
Iowa guutu keessatti coronavirus kan qabame walii galatti nama 1,388 gahee jira.
Waajira poolisi Sioux city keessatti namooni muraasni coronavirus qabamu himame. Gaaruu waajiri poolisa oduu dabalataa himu hin fedhani.
Bakka bu’aan poolisota akka jedhanitti poolisoni kaan dhukubaa Kanaan hin qabamin ammas hojiira akka jiraan himani.
Itti gaafataman manni fayya Iowa akka jedheti meshaale eegumsa ittiin uf eegan fahaa akka hin qabne himan, kaan akka gilovsa, maskii afanii fi uffatta qama.
Manni fayyaa Siouxland nama 200 ol qoranna godhanii, akka suman turban taree irraa makina keessati ilee namota irra qoranno akka jalqaban himan.
Nama 200 qorataman keessa namni 8 coronavirus kan qaban ta’uun himame.
Manni fayyaa akka shakanitti ofii duraatti nami coronavirus qabamuu guyya guyya dabalaa demaa.
Nebraska keessatti nami 2 dabalataan coronavirus du’uun himame, walii galati namni du’e 15 yoo ta’u kan qabaman ammo nama 577 gahee jira.
Manni fayya South Dakota namni haarawa dabalatan qabame 89 walii galatti nama 536 yoo ta’u kan du’e ammo baayacha jiraachu himamera.
Galatooma.