Manni fayyaa state Iowa dhukubni corona virus ammas olgudachuu gabaase, akkasumas duuti haarawa har’a jiraachu gabaasan, stateni nama hospitaala seenu arguu ittuma fufu jira.
Deparmanti fayyaa state Iowa akka jala deeme laaletti se’aati 24 keessati gidirsanbata 10:00 a.m irraa jalqabe hanga har’aati namni haarawa coronavirus qabame 343 yoo ta’u, namni du’emmoo tokko ta’uu gabaassan. Waliitgalatti namni due jalqabaa hanga ammaatti 793 yoo tau waliigalatti namni qabame ammo 38,907 dha.
Ganama kana namni 221 sababa virus kanaa hospitaalatti galee jira , lakkofsi kunis tarbeen tarte irra olgudattee deemu jira. Sababa lakkofsa guddina kana irraa kan ka’e hospitaali Des Moines nama dhukubsaata gaafachu dhufu akka hin danda’amne godhe.
Manni fayyaa Sioux land akka gabaaseti Woodbury County keessatti namni haarawa Corona virus qabame 14 ta’uu gabaase, akkasumas virusichaan haarawa due hin jiru, waliigalatti namni Woodbury County keessati due 46 dha. County keessati namni waliigalatti Covid-19 qabame 3,463.
District mana barumsaa karoora barumsa banuu godhe irrati barattoonifi barsiisonille akka haguugi fuula godhatan dirqama godhee jira. Kunis mana barumsaa badiyaa fi katamaa jiru addaan baasudhan hojimaata balinnaan ibse jira.
Walqoodumsi kun warra polotikatillee balattee jira, Iowa keessati democratin magaaladhan tartiiban kaahu jiru kan akka Des Moines fi Iowa city akka haguugi fuula godhatan dirqama goote akka virasichi hin babal’anneef, Community magaala xixiqqoo ammo murti warrumaan haamurteessu jedhani kaahani. Mannii barumsaa magaala Sioux City haguugi fuula godhachuu hagasilaa hin murteessine.
State baayen garuun barsiisonni dirqmatti akka haguugi fuula godhatan jedhaa jiru. State gariin ammo barattoonile dirqamatti akka godhatan jedhani. State baayinan ammo murtii kana kan murteessa itti gaafatamaan naanno akka murteesu irra kaahani jiru.