A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Manni fayyaa Dakota County namni tooko sababa COVID-19 du’uu fi namni lama dabalataan qabamu gabaasa

Manni fayyaa Dakota County namni tooko sababa COVID-19 du’uu fi namni lama dabalataan qabamu gabaasan, walumaa galatti namni qabame 1,785 yoo ta’u kan due ammoo 37 dha.

Magaala Woodbury County keessatti namni waliigalatti du’e 44 yoo ta’u, kan haarawa qabame 11 waliigalatti namni qabame 3,192 dha.

Union County keessati nama 124 qabame.

Magaala South Dakota namni haarawa 62 qabamuu gabaaste. Duutimmo waligalatti 93 dha.

Deparmentiin Manni fayyaa Iowa dhukkubichi akka oldabalee gabaasan. namni haarawa qabame kara 700 ti, May as yeroo jalqabaati harka guddaan olguddate. duuti haarowni hin jirtuu, waliigalatti namni due 717 dha, akkasumas kan waliigalatti qabamee 30,000.

Magaalan Nebraska dhukubaan namni haarawa qabamuufi duuti argamuun akkuma itti fufetti jira.

Magaalicha keessatti namni haarawa qabame guyyaa harba 133 yoo ta’u, waliigalatti kan qabamee 19,310 dha. Namni waliigallatti du’e ammoo 276 dha.

Odeeffannoo haarawa akka magaala nebraaskati bahe akka mullisutti dhukubni corona virus akka Hispanic Community baayinnan miidhe mulatta.

World Herald kan Omaha akka gabaaseti, ummanni hispaanika naannawa keessa harki 11% dha, akka Ethnic datan walitti qabatte dhukkuba kana keessa harki 60% ummata hispaanikaati.

Namni 233 kan Nebraska keessati due sababa COVID-19, harki tooko harka afraffa keessa hispaanika. Ummatta hospitaala jiru keessa harki qixxeeti kan kalaahus hispaanika.

Ji’a lamaan tare kanniin keessati Iowa keessatti balaan bubbee gad qabbanaahe akka warri haala qilleensaa adunyaa himutti.  

Akka ripoortin himetti baran kana bara 2020 bubbeen habonboleetin 23 argame. Waggaa tare ammo 54 fi bara 2018 keessa 69 ture.

Uumatti  ji’an dabre kun April irraa hanga June ji’a habonboleetin baayatu, haata’u malee hobonboleetin ji’uma ta’e keessa nimala. Ji’otta ta’e kan akka December fi January keessati bu’uunis nimala.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content