A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Mana barumsa elementary Morningside kan Sioux City keessati argamu keessati nama Covid-19 qabame

Mana barumsa elementary Morningside kan Sioux City keessati argamu keessati nama Covid-19 qabame argamuun himame.

Dubbataan hawaasa mana barumsa Sioux City akka jedheti walitti dhufeenya warra qaban manna fayyaa Siouxland wajjiin hojachu jira. namni dhukkuba Kanaan qabame fi namni nama Kanaan walitti dhufeenya qabu yeroo dhaf adda baafame taa’u jira. Barumsi bona aana hunda keessati bor xumurama, Morningside STEM elementary keessati namni walitti dhufeenya nama saniin hin qabne kan itti fufu ta’a.

Sagantaan mana barumsi daa’imani qamaan barataan September 2ffa kan jalqaban ta’u. ijoole umriin isaani 3 fi 4 ta’an guyyaa guutu maski kan uffatan yoo ta’u, garuu wayta alaa bahanii, wayta waanyaatani fi boqonnaa jaraa hin godhatani.

Durabu’aan Community Action Agency kan Siouxland akka jedheti barattoota samuu cimaa akka ta’an gochuuf daree keessati barsiisoni barsiisu akka qaban dubate. Community Action Agency olmaa daa’imani 29 hojjate fi daree olmaada’imani kan Sioux City keessati mara hundaratti. Sababa Covid-19 kan cufame qixxee march keessati itti deebi’anii jiru. Manni barumsaa garii bona keessa ijoole Kindergtan qarqaaruf banamee ture.waggaa tarte keessa, barattooni 425 barumsa olmaa daa’imani fudhatanii jiru. Waggaa kana, lakkoofsi gara 350 gan xiqqaate jira.

Namni dhukuba Covid-19 dabalataan Iowa keessati du’uun gabaafame, akkasumas waliiglatti kan qabame 50,000 gaheera. Website state guyyaa kaleesati as ganama kana namni 7 du’uu gabaasere, kunis du’a waliigala state keessati gara 954 olguddisa. Saafaya irrati namni 5 dabalamuunis himame jira.

Websiting akka mullisutti kaleessa as ganama kana namni harawa qabame 600 ta’uu ibse, kunis state keessati waliigalatti kan qabame 50,200 olsiise. guyyaa har’a Woodbury County keessati namni Corona virus qabame 16 ta’uu himan, waliigalatti kan qabame ammo 3,760 yoo ta’u; waliiglatti kan du’emmoo 52 dha. Dakota County Nebraska keessati namni haarawa qabame 2 dha.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content