A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Magaala Sioux city naannowa metro kessati sababa covid-19 namni 3 dabalataan du’uun himame

Magaala Sioux city naannowa metro kessati sababa covid-19 namni 3 dabalataan du’uun himame. Manni fayyaa Dakota county nama 2 kaan du’e oduu kennu didaani. Tokko ammo nama umrii isaa waggaa 61-80 kessa jiruu kan magaala Woodbury county keessa du’eedha.

Magaala Woodbury county kesati namni haarawni coronavirus qabame 48 yoo ta’u, Dakota county keessati haarawni kan qabame immoo 45 dha. Waliigalati Sioux city nannawa metroti namni qabame 3,100 gahee jira. Gabaasni itti aanu magaala Dakota county guyya Harba himama.

Kutaa Iowa kessatti namni 6 dabalataan du’uufi namni 400 haarawa qabamuu guyyaa wiyxata gabaafame. Kunis kan mulisuu waliigalati namni qabame 12,300 ol yoo ta’u kan du’e nama 271 gahee jira.

Iowa governor Kim Reynolds akka jetteti erga torbaan tarte keessa dalayduun itti aana president Mike Pence’s coronavirus akka qabamte beekan booda of eegano guddaa akka gochu qabdu dubate. Reynolds Harba tarte white House dhaayxe turte. Guyyaa lama booda ammo itti anaan president Pence Iowa dhufee.

Reynolds virus kan hin qabnee fi fayya guutu kan qabduudha ganama kanaa himte.

Reynolds  “guyya murasaaf offi qorranno gotti”  kun kan akka hoo’i qaama isii laalu, akkasumas hojjatooni isii irra gariin manara hojattan.

Governor akka jetteti namni virus qabame 80% dhukubi xiqqoma fi malatto kan hin mul’isnedha.

Akka isiin jetteti Test Iowa magaala sioux city keessati ittuma fufaa. Bakki biraas kan qoranno campus Iowa Tech community college keessati kan ta’uudha. Akkasumas long-term care facility fi manufacturing plant tilee hinkennama.

Koomishineri Woodbury county Pat Jill filanno June dhaaf bakka filanno 5 akka qopheese hime.

Jill covid-19 hir’isuuf filannoo kuni karaa xallayaatin akka ta’u gochuu jira.

Bakki filannoo qaraa bakka 45 kan jiraniidha: amma bakkewaan 5 kunniinis Riverside Elementary,  Long Lines Rec Center, Sergeant Bluff-Luton (lou-tin) High School, the Moville Community Center fii Oto (o-toe) City Hall.

Jill akka jedhetti nama 14,000 kan kalaahan filannoo dhufuu kan dandeene filanoon deebi’ef jira. Magaala Woodbury county kessatti nama 57,000 filachuuf galmaahaniiru. Waraqaa xalayaa kan hafe Juma’aa sa’ati 5pm duraa akka ergamuu.

Filattoonis guyyaa filannoo June 2ffa wayta dhufan akka walirra fagatanii ta’aan gaafatan.

Southern Hills Mall guyyaa Harba banamuudhaf qophayaan. haata’u male gabaan maraa banuuf hin qophofne, yeroon dalagaanis  guyyaa Wiyxata hanga Sanbata yoo ta’u sa’aati 11: am – 7pm fi guyyaa gidirdanbata sa’a 12pm hanga 6: pm dha.

Bakki suuqas nama suuqa dhufuuf seera baase jira. Kunni afaan fi funyaan ufii carqiin haguugu fi akka nama baay’en wal hin gene dabalateeti.

Bakki suuqas guyyaatti yeroo baay’e qulqulleesufi disinfection godhuu isaa hime.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content