A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Magaala Sioux City metro keessatti namni 2 dabalatan du’uun himame waliigalatii namni du’e 6 gahee

Magaala Sioux City metro keessatti namni 2 dabalatan du’uun himame waliigalatii namni du’e 6 gahee jira.

Duuti tokko magaala Dakota County keessatti kan biraamo Woodbury county keessaayi.

Guyyaa kibxata kutaan Iowa akka gabaaseti gaafa dhukubni jalqabe irraa jalqabe duti amma baayate. Sababa coronavirus irraa kan ka’e guyyaa har’a namni 19 du’uu himame.

Magaala Woodbury county keessatti name haarawni coronavirus qabame 63 yoo ta’u, namni 9 Dakota County keessaayi.

Oduu himtooni magaala Sioux City akka gabaasaniti namni 4 kan packing plant keessa hojatu du’uu dubatan.

Warri manna fayya Dakota county du’aa kaluu kanatti akka hin himin dubatan.

Islamic center kan Sioux land keessatti argamu namni umrii isaa 56 Huseen Jair kan seaboard Triumph keessa hojattu guyyaa jimaata du’u himan. Innis nama East Africa biyya Eritraa yoo ta’u, torbaanif dhukubsate turuu isaa himan.

Innis guyyaa 4-5 mana turee guyyaan lamaan osoo hin du’in durammoo manna fayyaa Mercy one kan Sioux city kessatti argamu dabarsu isaa himan.

Kampani seaboard Triumph akka oduu himaniti hojatan isaa du’uudhaf baay’e nutti dhagahame jedhe, akkasumas kampanichi sababa du’insa kanaatif manna fayyaa Dakota County wajiin hojata akka jiran himan.

Manni fayyaa Iowa Department akka himetti hojattootni Tyson Foods pork keessa namni 1,400 dhukuba coronavirus qabamu himan.

Irra guddan coronavirus qabame kan Tyson plant Perry central Iowa keessa jiruudha. Kaanpanin kunin ammo kan Waterloo fi Columbus Junction keessa jiraniidha.

Haa ta’u malee manni fayya naanicha namni hagam akka qabame himuti hin jiran wa’ee namoota kampani Sioux City fi Dakota County keessa hojatanira. Torbaan taree akka dhagahameti hojjattooni Tyson kan Dakota city keessa hojattan namni 700 qabamiu himan.

Kampaniin Tyson guyyaa kibxata banu yaade turee, erga guyya 4 qulqulleesuuf cufame booda. Garuu ammas kampanichi banuu achi siiysina jedhan.

Abbaan seeraa General Tom Miller waarshaadhan fooni gatiiwan isaa irrati qoronnaa akka godhamu U.S Department Justice amansiisuf kutaawan ameerica 10 waliin mariira jiran.

Warra abbaa seera kunnin hir’inni fooni bay’ee yaachise, kampanidhan gurgudaan kunnis 4 hunduu 80% akka biyyaati control kan godhedha.

Gatiin fooni market keessa jiru bay’ee olka’ee jira, garuu gatiin horiidhani gad bu’ee jira.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content