A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Lakkoofsi jiraattota Iowa sababa Covid-19 duanii waliigalatti nama 5,400 guyyaa kibxataa gahee jira

Oromo News 02/23/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni  Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Lakkoofsi jiraattota Iowa sababa Covid-19 duanii waliigalatti nama 5,400 guyyaa kibxataa gahee jira. Deparmantin mana fayyaa kan Iowa seati 24 darbe keessati namni haarawa sababa corona virus due 26 dha, woodbury kessati nama tokko kan har’a due dabalatee, waliigalatti Woodbury County keessati namni due 211 dha.

Waliigala state keessati nama haarawa qabame 600 yoo tau 18 kan Woodbury County keessatti argamaniidha.

Governor Kim Reynolds alaaban Iowa keessa jiru hundi isaatu hanga jimaata galgalaati gad bue akka fannifamu himte. Gochi kunis ajaja President Joe Bidens sababa corona virus jalqaba irraa hanga ammaati United State keessati namni due 500,000 gahuu isaati.

Alaaban ijaarsa state capital, maneen umaata, ground fi facilities state keessa jiru hunda isaa irrati akka gad bu’ee fanisamu kan ta’uudha.

Bakkeen biraas kabajaadhaf akka alaaba gad buusani fannis kabajaa guddaa akka qaban himan.

Nebraska keessati namni corona virus qabamu lakkoofsi gad xiqqaata deemu jira, akkasumas lakkoofsi nama sababa corona virus hospitaala jiran kanjalqaba irraa gad xiqqaate kan deemu jiruudha.

Nebraska akka gabaassanitti torbaan darbe keessati namni haarawa corona virus qabame 1,700 dha, kunis torbaan kan jalqaba irraa kan gad bueedha innis 3,606 ture. Akka state waliigalattii namni sababa corona virus due waliigalatti 2,050 gaheera, kunis namni 67 Dakota County keessati kan dueedha.

Police deparmanty Sioux City akka himanitti wagga darbe waliin wayta walbira qabanii laalan yakki hojachuun harka 26% akka dabalee jiru himan. Qabeenyi nama baduu harka 15% xiqqaate jira. Bara 2020 magaaladhan keessati badii guddaa kan Meesha waraanatti walqabaxee baaye akka jiruufi sababa kana namni 6 akka due turees himani jiran.
 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content