A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Kutaan Iowa akka gabaaseti sababa coronavirus namni baay’e du’aa jiraachun himame

Kutaan Iowa akka gabaaseti sababa coronavirus namni baay’e du’aa jiraachun himame. Waliigalati namni du’ee nama 150 gahuun himame.

Manni fayya Iowa akka himeti namni harawni 467 dabalate coronavirus qabame, waliigalati 6,800 gahuu himame.

Magaala Woodbury county akka harba gabaasetti name haarawni qabame 46 yoo ta’u waliigalati nama 750 gahuu himame.

Governor Kim Reynolds akka jetteti dhukuba kana eegano gochuuf qoranno dabalata ajaje akkasumas turban dhuftu keessa qoranno haarawa ajajje jirti.

Akkasumas guyyaa Jimaata irraa jalqabe manneen nyaata fi bisneesnii adadda banamuu isaa irrati eejano gudda akka qabdu himte.

Bakka guddan dhukubni kun irraa babal’ataa dhufe siouxland keessatti, akka shakaniti Tyson food plant ka Dakota city keessaayi.

Garuu kampanichi umani hagam akka qabame himu didan. Kampanichi akka dalagaa jiran hime, garuu sa’ati muraasa ta’uu dubatan. Dalaghanis bayee lashii gadi jechu  himan sababi kun uumames sababa dalaydooni hojiira kan hafanidha.

Magaala Dakota County namni harawni dabalatan coronavirus qabame nama 704 yoo ta’e, kanaa keessa namni 3 jiratota mana Long-care facility kan South Sioux city keessa jiratanidha.

Abbaan mana long-care facility akka jedheti, name achi keessa galuu hundu malatto dhukuba kanaa homa hin muldhisani. Garuu namni martu akka addaan fagaate taa’us himan.

Torbaan tarte keessa namni tokko qorannoo godhe corona virus qabaachu beekame booda jiraatonni hundu qorannoo gochuu isaani himan.

Manni fayyaa akka gabaaseti namni corona virus qabame baayata deema jiraachun isaa himan.

Dura taa’an mana fayyaa Mercy one akka jedheti dhukubni kun hanga silaa harka keena hin bane jedhaniiru. garuu ummani dabalataan haakima emergency fayyadamuun baayata jiraachufi akkasumas umanni baayinan hospitaala senuu jiraachu beeksisan.

Governor Pete Ricket akka jedheti qorannoo Corona Virus gochuuf namni 104,000 akka malatteesani jiran himan. TesNebraska.com 

Guyyaa tokkoti namni 3000 qoratamu qaba jedhe hime.

Guyyaan ayyaana Cinco De Mayo as kalaahu waan jiruuf namni social distance akka eegu yaadachisan akkasumas namni yoo walgahee nama 10 ol akka taruu hin qabne himan.

Galatooma

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content