A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Kutaa Iowa keessati sababa COVID-19 namni lama dabalataan du’uun himame walii galatti namni du’e 688

Kutaa Iowa keessati sababa COVID-19 namni lama dabalataan du’uun himame walii galatti namni du’e 688 gaheera. Qixxee ol kan ta’an Long-term facilitii keessa kan galaaniidha.

Kutaan Iowa torbaan kana keesa test Iowa lama cufuuf karoorfatee jira, kan Sioux land keessa jiruu dabalatee. Kan Sioux county wayta qorannoon galgala se’aati 6pm cufamu irraa eegale kan cufamu ta’a. Test Iowa 18 ammas magaala Dicknson fi Crawford keessati akkuma itti fufeeti jira.

Magaala Woodbury county keessati qorannoo 121 godhame keessa namni 5 kan qabameedha akkasumas namni waliigalatti du’e 42 dha. Woodbury county keessati namni qabame waliigalatti 3,077 gaheera akkasumas magaala Dakota county keesati namni haarawa qabame 4 yoo tau namni due 34 gaheera, waliigalatti kaa qabamee 1,757 dha.

Manni barumsaa Sioux City community school board yeroo kufaati ykn sodaa kana keessati karoora barumsatti deebi’uu murti baasan.

Sodaa COVID-19 hin babal’ata kan jedhuura manni barumsaa March kixeetti keessa kan cufameedha akkasumas deebi’ee hin banamne.

Babalinna COVID-19 irratti hundaa’udhaan, barattooni barumsa kophaa hordofaa turan, modela hybrid fayyadamuu yookin kophaa isaani manaa hordofu.

Modeli dhuunfa addaan fageenya eegu jedhe kan waamamuudha fi kan hybrid barrattooni guyyaa muraasa akka mana taa’an kan goosisuudha. barattooni wayta class jidduu deeman haguugi fuula akka godhatan gaafatamani.

Karoora kana balinnaan ammas irrati hojjatamuu qaba.

Dirijittiidhan lama yakkaa himannaa poolisa godhanitti se’aati 24 keessati akka ulfa baasun Iowa keessatti hayyamma hin godhamne dhaabadhuf himatan.

Karoorri parenthood kan heartland fi Doctorri karoora parenthoodin bakka bu’e akkasumas America civil liberties union of Iowa guyyaa kibxataa bakka mana murtiitti dhiheesaniiru.

Himanaan kun July 1 hojiirra akka hin oole dhaabuudhaf fii ajaja yeroo kana kuffisuu barbaadu. 

Gareen himannaa kana dhiheessan karaa seeraatin nama ulfa baasu mormuu akka mirga qaban gov. Kim Reynolds akka seeran mallatteesuf gaafatan.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content