A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Kaampan Tyson kan booyye Waterloo yeroodhaaf dhaabate jira

Manni fayya Iowa akka gabaaseti namni haarawa Coronavirus qabame 107 yoo ta’u, kunis nama 19 magaala woodbury county dabalateeti. Irra guddan namni dhukuba Kanaan qabame nama umrii 18 – 60 jidduu jiraniidha. Akkasumas namni 7 dabala du’uun himame, waliigalati namni du’e nama 90 gahaniiru.

Guyya Kibxata, itti gaafataman fayya akka jedhe, magaala Woodbury county keessatti namni 1 yerroo jalqabatif coronavirus du’uu himame.

Gaazexaan magaala Sioux City akka gabaseti namichi sun nama umrii 64 Raymundo Corrall yoo ta’u, innis kampani Tyson magaala Dakota City keessa kan jiru hojatta.

Jaartin isaa akka jetteeti dhukubsate torbaan lama booda guyya sanbataa du’uu isa himte. Akka isiin jetteti hojii isaa akkasumatti itti fufuu fi akka qoratamuu fedhee garuun hin arganne jette.

Kampanin Tyson akka gabaaseti “hojatoota keena keesa namni nuraa du’uun baaye gaddina” fi “warri isaas obsa akka qaabaatan yaada keena keessa kadhanaafi”.

Kaampan Tyson kan booyye Waterloo yeroodhaaf dhaabate jira.

Kaampanichi akka jedheti, cufamuu isaara rakko qonanbultoota fi biyya kana keessati rakkoo fida. Akkasumas bitinaa’in uuma.

Murtiin kun kan argame erga hojjaattooni kampaani keessati dhukuba kana qabaneessu dadhaban booda.

Kampanidhan nyaata kan biro hedduun isaani cufame jira.

Itti gaafataman fayyaa Nebraska akka jedheetti, guyyaa tokkoti namni 9 du’uu hime, akkasumas waliigallatti dutti nama 42 gahee jira.

Itti gaafatamtun South Dakota Gov. Kristi Noem akka ummanni bakka dorgomi dirt track race hin deemne ajaje. Kunnis asaanbata kanaa qophaya.

Garuu akka qophiin kun dhaabatu hin godhu jette.

Manni dhugaati fi nyaata kan Iowa keessa jiruu 10% guutuman guututi akka jalaa cufamu sodaatan yoo May 1 tti  hinbanamin.

Harki 4 keessa harki 1 July 1 tti yoo hinbanamnee manneen nyaata Iowa keessa jiran akka deebi’anii banachuu hindandeene himan.

Galatooma

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content