A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Jiraatan magaala Woodbury county kan biraa sababa coronavirus du’eera

Jiraatan magaala Woodbury county kan biraa sababa coronavirus du’eera. Akka manni fayyaa Sioux land gabaaseti namichi du’e kun nama umrii 61-80 jidduu jiruudha. Waliigalatti magaala Woodbury county keessati namni du’e 38 gaheera. Akka ganama kanaati magaala himaameti namni covid-19 haarawa qabame 17 yoo ta’u waliigalatti namni qabame 2,931 gaheera.

Akka gabaasa kutaan Iowa guyyaa kaleeti namni 4 du’uu hime. Waliigalatti namni Iowa keesati du’e 606 gaheera. Namni Iowa keessatti covid-19 qabame 21,919 dha. Namni 330 kalee keessati itti dabaleedha.

North west Iowa keessatti yaali qorannoo Carroll fi Denison keessa kan jiru dabalate Test Iowa akka banamu har’a ibsaniiru. Ummanni akka himameti online naan testiowa.com irra kan jiru guutudhaf qaxaroo qabachuu qabu fi qorannoo gochuudhaf qaxaroo qabachuu qabu.

U.S Department of Transportation federal Transit Administration mallaqaa magaala Sioux City dhaaf million $4.8 badhaasa kuunera.

Kunis bakka coronavirus warra motumaa kan miidhamanii, bilaasha kahintaane fi hojattoota dhuunfa kan kennamu qarqaarsa qaama mootumma irraayi.

Kennaan kunnis goree buufata baasaa qarqaaruf, meeshaa ofi eeganno hojjaatootaf, meesha qulqulina fi mataa waan uf eeganin dabalate.

WinnaVegas manni qumaarii guyyaa Jimaata sa’ati 10:00 am irraa jalqabe harka 50% hinbanama.

Irra deebi’ame kan banamu keessa warri jalqaba irra jiruu maashina ittiin tophatan dha fi wanneen biraa ka’ittin fayyadaman ammaaf cufaa kan taa’u ta’u. sadarkan sa’aati jaraa akkaata keesuma isaani nageenya fi fayyaan itti tolee dhufeniti too’ataan casino murteesa banuuf.

Manni kitaaba (library) magaala Sioux City banuudhaf tartiibaan itti deemama jira. Tartiibni jalqaba June 15 irraa jalqabe damee Perry Creek mana kitaabaati curbside pick-up dhaaf turban tokko ni hafa.

Tajaajilamtooni mana kitaaba fuula online irratti tarreeffama meeshota kahuu fi hojjaatoota gahaa gaafa san eega qabatani booda dame perry creek ti yerroo dhumaa qabachuudhaf mani kitaabaati haasawa godhu. Beelamnis Wiyxata hanga Jimaatati argama.

Meeshadhan jaraa martuu bakka addaa kaahame laalame osoo namni itti aanu hin fudhati, kunis fayyaa fi nageenya nama eeguf kan godhameedha. Kitaabi kan kaahame dame sadihiiti hanga hojjattooni sodaa dhukuba kanaa gad xiqqeesaniiti.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content