A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Itti gafatamtuun Magaala Iowa Kim Reynolds akaa jettetii Iowa kessatti dhukuni Coronavirus tiin nama

  

Oduu Har’a

Namichi Jiraata South Carolina kan ta’e haadha isaa ajjessun, obboleeti isaa midhudhan kan ka’e Sioux City kessatti hidhamun isaa beekame.

Kaleessa Galgala poolisoni apartment Morning side biraatti yamamuudhan wayta dhaqaan nama 2 kan waranamee madaawan arguu isaani ibsan.

Namichi waggaa 30 Paul Belk kan jedhamu hidha ajjeecha saadarka awwala itti murteefame.

Umrii 55 kan tate Lisa Belk ajjefamte akkasuma mucattin isii hospitaalati yaalamu isii himame.

Poolisoni ajjecha kun kan jalqabe walitti bu’iinsarayi jedhan.

Itti gafatamtuun Magaala Iowa Kim Reynolds akaa jettetii Iowa kessatti dhukuni Coronavirus tiin nama 4 dabalataan du’aan.

Akkasumas namni haarawa kan coronavirus qabame 96 waliigalati namni 2000 qabamuun himame.

Dhukubsatoni percent 46% coronavirus irra fayyuun himame.

Northwest Iowa kessatti dhukubni Coronavirus akka hin jirre himan.

Governor Reynolds akka jetteti manna taa’un kun carraa ijoole abuse fi demotic akka baay’e irra dabalu tasisuu isaa ni shakina jehan.

Hojattooni magaala Nebraska 1,600 ta’an waraqaa iyyanno union irra gara Gov. Pete Ricketts office galfatani. Sababni isaa dalagaa isaani manaa taa’ani akka hojjatanii gafatanii.

Nama qaaman bakka dalaga dhaqe dalaguu se’atidhan $2 akka dabalamuf gaafatan.

Association magaala Nebraska hijatoota isaaniif akaattan eguumsaa fayaa isaani bay’ee yaachise jedhani himan.

Ricketts akka jedhetti hojjattooni martuu mana hojachuu hindanda’ani sababa kanaafis motuman qarqaarsa dabalata akka kennu qabu himan.

Qotee bultooni Iowa akka jedhaniti dhukuba coronavirus irra kan ka’e economistiis isaani $ billion akaa gadi bu’uu danda’u himan.

Akka oduun har’a bayeti, warri economist ethanol industry akka jedhani $2.5 billion sababa bu’aa dhabudhaan kasaaraniru. Akaasuman industry motuma hog $2.1 billion kasaaru isaa himame.

Miidhan boqolloo irra gahus $788 million akka ta’u murtessan, akkasumas hataraan $213 million yoo ta’u beyladaan ammo $34 million akaa ta’u himan.

Manni fayya university Iowa namota galii xiqqaa qabani fi ummata refuge ta’e mobile dhaan akka qarqaaran himan, akkasuman umaata siouxland dabalate.

Galatooma

Related Content