A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Iowa keessati kaleessa as namni haarawa Corona virus qabame 247 dha, waliigalatti namni qabame

Iowa keessati kaleessa as namni haarawa Corona virus qabame 247 dha, waliigalatti namni qabame 43,144 dha waliigalatti namni duemmoo 839 dha. Northwest Iowa keessati, Woodbury County keessati namni waliigalatti qabame 3,576 yoo tau kan waliigalatti duemmoo 47 dha.

Har’arraa jalqabame, babalinna corona virus dhaabuf yaalin godhamu, namni otobisii Sioux City yaabatu hundinuu fi gamoodhan maraa keessati haguugi fuula godhatama. Akkasumas, bakka daawwi museum Sioux City namni hunduu akka haguugi fuula godhatu qaban har’a gabasa isaani irrati beeysisan.

Hawaasni mana barumsa Aanaa Sioux City ammaraa torbaan muraasa booda barumsatti deebia, August 25th irrati. Namni baayen corona virus irrati haguugin fuula barbaachisu himan. Superintendent Dr. Paul Gausman akka harra jedhetti Aanaan mana barusa kunni akka namni martuu baratoota fi barsistoonile schoola keessati haguugi fuula godhatu hime.

Akka Sioux land Puplic media irrati haasawa har’a godhan irrati himan, Gausman akka jedhetti warri ijoole isaani akka haguugi fuula hin godhanne barbaadu manatti online dhaan akka baratan filannoo qabu jedhe. Akka inni jedhetti nama muraasa keessa harki 20 akka mana barumsaatti ijoolen deebitu mallateesan jedhe.

Aanaan mana barumsaati karoora deebi’u murtii dhumaa August 10 murteessa.

Ayyaaneeffannaa Remsen Oktoberfest kan waggaa kana sababa Covid-19 haqamuu isaa qopheesitooni himan.

Guyyaan itti qophaahes torbaan dhumaa October keessa kabajamuu kara waggaa dhuftuti dabarfame. 

Siidan Abraham Lincon kan parki Southern end Grandview keessati argamu bade, akasumaas caccabe har’a ganama argame.

Poolisin Sioux City Sgt.Jeremy McClure akka jedhetti depaarmantii gabaasa kan argate baduu siida irrati gara se’aati 6:30 a.m dha, baduun kunis halka keessa ta’uun beekame.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content