A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Iowa Governor Kim Reynolds mana Dhugaati fi mana nyaata erga sababa Covid-19 cufamee booda akka

Iowa Governor Kim Reynolds mana Dhugaati fi mana nyaata erga sababa Covid-19 cufamee booda akka guyyaa boruu Counties jaha keessa afur kesatti akka irra deebiami banamu himte.

Mannen dhugaati Polk, Linn, Black Hawk fi Dallas Counties guyyaa borii se’aati 5:00 pm kan banamu ta’a. Mannen dhugaati counties Story fi Johnson keesa, manneen university Iowa keesafi university of Iowa ammaaf akkuma cufame jira.

Torbaan darban baaye kana keessati, coronavirus warii Hojii Humnaa yknTask Force kan White House manneen dhugaati counties 99 kan Iowa keesa akka cufamu godhamee ture.

Sirnaan Iowa fi kan adunyaa akka jedheti virus baayenin mana dhugaati keessati daddarba. Dubattaan deparmanti mana fayya Iowa akka jedheti state task White House irraa turban kana kan fudhatu ta’a.  

Ogeesi fayyaa state Iowa akka dubatteti namni dabalataan Iowa keessati sababa Covid-19 baayanin kan du’an yoo tau kan haarawa qabame ammo seaati 24 keessati nama 500 ol akka tae gabaase. Waliigalatti namni due 1,233 gaheera.

Counties Iowa shan keessati guyyaa 14 darban kana keessati namni virus qabame parsantii 15% akka tare gabaasan. warreen sadarka jalqaba hanga shanii jiran Sioux, Lyon, Plymouth, fi O’Brien Counties dha. Sioux County lakkoofsa guddaa jalqaba irra kan jirtuudha inis parsanti 24% dha.

Governor akka ajaja keniteti mana barumsa K-12 tiif akka state barattoota gara online tiin ajaja argataniif, kuni ta’uun counties jaraa guyyaa 14 walirra qabee corona virus qabaachu yookan xiqaatu parsanti 15% qabaachu fi Aanan barumsa dirqama parsantii 10% barattooni sababa dhukkubaa yoo kan haftu taate.

Woodbury County kesati namni qabame parsiin jaraa 13% gaheera.

Manni fayyaa Sioux land akka gabaaseti Woodbury County keesati namni qabame harawni 43 dha. Waliigalatti namni qabame erga dhukkubni kun jalqabe irraa ka’e 4,600 gaheera.

Dakota County keesati namni haarawni qabame tokkoodha, Nebraska kesatti namni waliigaltti namni qabame 2080 dha kan du’emmoo 43 dha.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content