A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Iowa governor Kim Reynolds kutaa keessatti seera dabalataa adeemsisa jirtii

Iowa governor Kim Reynolds kutaa keessatti seera dabalataa adeemsisa jirtii. Jimaata irraa jalqabee mana fiilmii, muuziyeemii, bakka bineensota fi bakki qophi cidhaa addaaan fageenya eegata banamuu hindandayaama. Bakki pooli amoo barumsa qoofa banamaa.

Guyyaa Kamsa May 28ffa manni dhugaati percentin 50% ni banamaa.

Haa ta’u malee, muuziyeemii kan magaala Sioux city keessati argamu guyyaa Jimaata akkuma cufame oolu himan. Kunis Sioux city Art center walqabateefi, dubbi himaaan akka jedheti bakki kunnis suuta suutan kan banamu ta’a.

Manni LaunchPad muuziyeemii ijole oduu har’a eega dhagahe booda gabaasa baase jira. Akka jedheti “facility bakka mijaawa taphaa kennuuf kutanon ka’aniiru. Guyyaa banamus qophii guddaan eegu jirra. Garuu uf eeeganoofi eguumsaa gahaa hanga arganuti banuudhaf nutti itti hin jarjarruu.

Hojiiwan mana baruusa fi baruumsi June 1 kan banamudha, akkasumas kan akka baseball fi softball seera conference kan governor Kim kamsa himuheedu jalaa demuu qabu. 

Ammas guyyaa ayyaana yaaddanoofi dalagaawan state campground mana ficani, mana dhiqatta fi cabins kan banamudha. Suuqota fi kaampidhan maraafu kan hayyamamudha. Garuu bakki taphaa, shelter fi bakka daaw’ini immaa cufamaa.

Kun akkanati osoo jiruu, state kessati sababa covid-19 namni haarawa 14 du’ee gabaasan, waliigalati Iowa keesati namni du’e 381 gahee jira. Magaala Woodbury county kessati namni 2 dabalatan du’eera fi Dakota County keessati namni 1 dabalatan du’uu himan. Waliigala magaala laman kana keessati kan du’e nama 29 gahee jira. Magaala kannin keessatti namni bayeen qabama jira, county lamaan keessati namni qabame 3,900 yoo ta’u, Akka state Iowa tti nama 15, 900 oltu qabame.

Yoo persanti western Iowa nama qabame laalu. Crawford county nama 400 ol kan qabame yoo ta’u yookin percenti 2.4% akka biyyati kan qabamedha. Woodbury County 2.3% oli dha. Test Iowa magaala Sioux City keessati kan qophayedha fi Crawford county community Denison keesatilee. Governor Kim akka jetteti bakkewaan lamaan fi tokko kan storm Lake keessati argamu nama 300 olif qorannoo Wiyxata godhee ture.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content