A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Iowa governor Kim Reynolds akka jetetti wayta school ji’a dhuftu keessa banamu barattooni yeroo

Iowa governor Kim Reynolds akka jetetti wayta school ji’a dhuftu keessa banamu barattooni yeroo isaani qixxee olii barumsi kan barbaachisu kophaati barachuu qabaan jette.

Schooli gariin akka karoora baafatanitti guyyaati se’aati dheera class adda taa’aniti dabarsuu sababa coronavirus. Labsiin kan malatteefame Reynold dhaan ammaaf kuni yeroo gabaabaati murtii warra schoolatu murteessa.

Reynolds akka jetteti barattooni qophaa baasani teesisun ijoole meedha guddaan  kan akka social life fi emotional jaraa miidha.

Labsiin kun warroota ijoole tana filannoo kennaafi. akksumas ijoole akkamitu barsiisota waliin qunnamu barbaachisa yokiin qarqaartu barsiisota irraa argatan.

Mannii barumsaa hawaasa Sioux City haga amma murtii kana mureesuf schoola waggaa dhuftu banamu ittuma dalagaa jiru, dalagaan kunis qaaman baratan mo video dhaan ykn addaa filachuu walkeessa makani baratani kan murteesudha. Barumsi summer warra kutaa 1ffaa, 2ffaa fi 8ffaa August 3 irraa jalqabu.

Manni barumsa Nebraska illee koodi bifaattin fayyadamuudhan maal akka dhoogu qaban schoola wayta jalqaban ji’a dhuftu kana sababa corona virus.

Dura bu’aan mana barumsa state akka jedhetti schooli haamurteessu yoo balaan kun dhaqabuun xiqqaara jira jedhan bifa magariisa irra ufkaahani barattooni akkuma qara baratametti barachuu danda’u, garuu akka oo’a laalufi qulqulina eegachu godhamu qaba.

Manni barumsaa kan balaan kun guddaa argamu fakkaatu bifa diima irra keenna barattoonnis barumsi jaraa kara Video tiin itti fufa, akkasumas sport addaa adda hin argamu.

Akkasumas, schooli miidha iddu galeessa jiru bifti jarri argattu booraa fi orange dha, wanni jarri godhuu qabdu seera uf eeganno jala deemudhan barattoota kutaadha lakkofsa barattoota hir’isanii barumsa ufii itti fufu. 

Barattooni mana barumsa dhaqani baratuu haguugi fuula dirqama godhachuu qabu.

Magaalan Woodbury County guyyaa har’a namni harawa Covid-19 qabame 17 ta’uu gabaasan.

Manni fayyaa Sioux land akka jedhetti  namni haarawa qorannoo godhe guyyaa har’a  145 dha. Kunis qorannoo osoo medical hin seenin kan dursuudha.

Woodbury County waliigalatti namni qabame 3,418 dha, akka gabaasa deparmanti fayyaa kan Iowa tti. Kanniin keessa namni 3,137 fayyuu himan akka gabaasa deparmanti fayyati.

Woodbury County keessati namni waliigalatti due sababa Covid-19 nama 46 dha. Guyyaa laman darbe kana keessa magaala Woodbury County keessati namni tokko du’uu gabaasan.

Kaleessa, Counties Sioux land 3 sababa Covid-19 namni akka du’e gabaaste. Bueno Vista kan Iowa keessa fi Union South Dakota keessa lachuu namni tokko du’uu gabaaste. Dakota County Nebraska keessa namni lama dabalataan du’uu himte, waliigalatti namni du’e 41 dha kan haarawa qabame ammo 4 yoo ta’u kan waliigalatti qabame 1,830 dha.

Manni fayyaa Aanaa siouxland akka umanni itumaa fufee eganno ofii eguu fi akka dhukubni coronavirus kunii hinbabaldhaane egaan gorsaa. Wantti godhii qabaniis kan akka haguugi fuula godhachuu waan alaa bahaan, manna kessaan ta’uu yoo kaa sidhukubuu yokkiin manna kee keessaa nama dhukubu jiratuu ta’ee, hawaasaa irra fagaachu fi amaa amma harka dhiqaachu.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content