A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Iowa Governor Kim Reynolds akka guyyaa har’a jetteti manni barmoota kaa waggaa kana guutu akka cufam

Oduu Har’a

Iowa governor Kim Reynolds akka guyyaa har’a jetteti manni barmoota kaa waggaa kana guutu akka cufamu himte jirti.

Murtii kana murteesuu baay’ee ulfaata ture jettee, hergaa umanii bay’een dhukuba kanaan hinqabamin.

Ammas Kim akka jetteti name 4 dabalataan dhukuba coronavirus irraa kan du’an, walii galati Iowa keessati namni du’e 64 gahuu himte.

Kutaa Iowa keessatti namni haarawa coronavirus qabame nama 191 yoo ta’u waliigalatti nama 2,332 gahee jira. Kunis magaala Woodbury County kessa nama 4 dabalatteti.

Magaala Woodbury County keessatti nama 27 kan dhukuba Kanaan qabame kesaa namni 17 fayuu agarsiisu isaani himame.

Manni fayya Dakota Health Department akka gabaaseti namni 16 dabalatan qabamu isaatifi waliigalatti kaa qabaame nama 25 gahuu ibsee jira.

Akka gorsanitti umani mana akka taa’ani akkasuman nama coronavirus qabame walitti dhufenya yoo kaqabatani akka uf eeydani fii qoratamtaan beeysisan.

Kutaa Nebraska keessatti namni haraawni coronavirus du’e 3 yoo ta’u, waligalatii dutii bayaata akaa demaa jiru ibsaan.

Kuta Nebraska keessatti namni coronavirus qabame 1,000 gahe jira.

Hojattootni kampani Seaboard Trumph Foods kaan magaala Sioux City kessatti argamu coronavirus siin qabamuun isaani himame.

Itti gaafataman companicha akka jedhetti ergaa qabachuun jaraa qoratame bekaame booda hojii akka dhabani jiran hime.

Kampani pork plant keessa amoo nama 2,400 oltuu dalaguu ture.

Akka kampani jedhetti naanawa dalagaa hunda isaatu qulqulinan eegu akkasumas sera warii CDC base jala akka hordofan himan.

Kampani Tyson Foods kan magaala Southeast Iowa fi Waterloo keessatti argamu hojattoota isaa irrati coronavirus arguu hime.

Ji’a darbee kanara jalqabe makiina muraasni qofti state highways, county road fi karaa magaala irraa akka deema jiru Iowa Department Transportation himan.

Dalagaan tiraafikii hunduu waan ji’a darbee irraa percenti 20% gadi bu’e jira.

Itti gaafatamtoni tiraafika akka jedhaniti, tiraafikin karaa irraa xiqaachun isaa faayda fi miidhaa qabaachu himan.

Bu’aan isaa hojattooni karaa dalagan saffisan ykn dafanii akka hojii isaani xumuran gargaara.

Garuu namootni gasoline bitan murasa, kun jechuun uf duratti maalaqni karaadhan dalagaan akka xiqqatu himan.

Galaatoma

 

Related Content