A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Hiriira nagahaa namoota hedduun lakkaahaman magaala Sioux City downtown sababa namni baaye Ethiopia

JAMILA GISHE

Hiriira nagahaa namoota  hedduun lakkaahaman magaala Sioux City downtown sababa namni baaye Ethiopia kessati midhamanii fi hidhameef bahuun himame.

Miseensi Oromo community kan magaala Sioux city akka jedhetti “oromo Lives matter” har’a dhiibba ummata oromoo kan Ethiopia keessati irra ga’u. sababa ajjeessa weelissa bekama Haacaalu hundeessa irra gaheef hirriira bahaniiru.

Akka gabaassatti hiriira mormii irratti kara nama 50 oltu ajjeefame. Bulchittooni Ethiopia interneeta cufaniiru umanni akka oduu hin arganeefis mideallee cufadhiiru, akkasumaaf ummata kaan hedhatti guraanni jiruu. 

Manni fayyaa Sioux land sababa COVID-19 namni tokko dabalataan du’uu himan, namni kunis nama umriin 61-80 jiruudha, waliigalatti magaala Woodbury County keessati namni du’e 44 gaheera, namni qabame waliigalatti nama 3,172 ta’uu himame.

Manni fayyaa Iowa akka gabaasetti se’aati 24 keessati namni haarawa du’e 5 yoo ta’u kan haarawa qabames 300 dha. waliigalatti namni state keessati due 717 yoo ta’u kan waliigalatti qabame ammo 29,400 dha.

Qorattoni daldala akka duabbatanitti akka qorannoon mulisutti magaala Midwest fi Plains erga hojii banamuu jalqabe akka ikkonomiin fooya’aa dhufaa jiru himan.

Akka waliigala biyyaati kara 50.3 utaale jira June keessa, akka May 43.5 irraa jalqabe. galmeen kunis hanga 50 oljiruu ol guddateera. Kan 50 gad jijiru gaddi xiqqaatu muldhisaa.

Community mana barumsaa magaala Sioux City barumsa muraasa ganna keessa banuuf karoorfataniiru. 

Barattooni kanneena akka jalqaba, baratottaa kutaa 1st faa , 2nd faa fi 8th faa tti. Kunnis August 3rd hang 14th guyyati se’aati lama barumsa barachuu kan jalqaban ta’a. dabalataan, barattooni gugurdoon kan akka math fi aljebraa kan fudhatan ta’a.

Itti gaafatamaan Aanaa baruumsa akka jedhetti barattoni golaa fi barumsi academic fulduraattif oduu gaha fi hojiiwwaan jallaa dabree.

Manni barumsa naanno akka jedhetti “barumsatti deebi’un” barumsi qaamaafi online aamille nijalqaba garuu akka dhukkubni kun itti baduun laalama.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content