A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Haali qilleensa hagaayya bubbee qabuufi biyyoota qixxee US heddumina isaanitin snow kan buusu ta’a a

Oromo News 1/25/2021

Haali qilleensa hagaayya bubbee qabuufi biyyoota qixxee US heddumina isaanitin snow kan buusu ta’a akkasumas deemsalle rakkisu nimala.

Tajaajili haala qilleensaa biyyoolessa kan Sioux Falls akka jedhetti snow irra guddaan south Sioux City keessati kan bue akka tae dubbatan.

Sioux City Snow Inches 5 akka argachuun maltu dubatan.

Mani baruumsa gariin har’a yowaan gad dhiifamani South Sioux City dabalatee, Snow emergency hanga bori seaati jahati  kan bu’u ta’a.

Namni Covid-19 qabamuukan hospitaala seenu Woodbury County keessati gad xiqqaata dhufu jira.

Aanaan mana fayyaa Siouxland guyyaa har’aa namni bayeen akka qabaman gabaasan, waliigalatti namni qabame 13,100 yoo tau innis parsanti 13% dhaa akka biyyatiiti. Waliigalatti namni 181 kan duan yoo tau qorannuu bulti 14 keessati godhame irrati parsanti 10% akka tae gabaasan kuni ammo parsantii 3% akka gad buee mulisa.

Ammati, Sioux City hospitaala lama keessati namni Covid-19 qabame 23 yaalamu jira. Kunis parsantii 45% guyyaa 7 keessati kan gad xiqqaatedha. Lakkoofsa December 1st qabaman irraa baaye gadi xiqqaate jira.

Akkasumas Iowa Health Care Association akka jedhaniti torbaan kana dhuma irrato maneen nursing kan Iowa hundi isaanitu talaali corona virus kan jalqabaa fudhatani kan sutu ta’a jedhan.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content