A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Guyyaan har’aa kabajaa wagga tokkoffaa Iowa keessati sababa Covid-19 du’aniidha. Akka virus kun jalq

Oromo News 03/08/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Guyyaan har’aa kabajaa wagga tokkoffaa Iowa keessati sababa Covid-19 du’aniidha. Akka virus kun jalqabe irraa namni waliigalatti due 5,559 dha, nama Woodbury County keessati due 214 dabalate.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka gabaasanitti guyyaa har’aa namni tokko dabalataan akka due gabaasan, namni haarawa qabame ammo 140 dha, nama Woodbury County keessati haarawa 8 qabame dabalate.

Qorannoo bulti 14 Woodbury County keessati godhame 6.1% akka tae himan. Kunis akka biyyati guututi parsanti lamaan kan taruudha. Torbaan lama dura, parsantii 4.7% ture.

Akka state guututi namni waliigalatti hospitaala jiru 170 dha, hospitaala Sioux City lama keessa nama 15 jiru dabalate. Kunis guyyaa jimaata irraa nama 5 dabalateeti.

Talaalin clinic Mary J. Treflia Community House Wednesday, March 17th dhaaf qopheesu jiran. lakkoofsi galmeef ittiin bilbiltan 712- 258 5137 dha. Guyyaa galmee kan dhumaa March 15th dha.

Nebraska Governor Pete Ricketts akka jedhanitti seera Covid-19 irrati haguugi fuulaa fi talaali corona virus irrati seera akka jijjiiru himan.

Ayyaana Easter kan April 4th dhufaa jiru irrati matiin wayta walgahan seera corona virus akka hordafuu qaban himan.

CDC akka jedhetti namni talali corona virus lamaanu fudhatte erga guyyaa 14 taa’e booda haguugi fuula osoo hin godhatin namaan walgahuu akka danda’an himan. Dabalataan, namni talaali corona virus lamaanu fudhate nama corona virus nama qabame waliin yoo wal’argan bulti 14 adda baafamnii taa’u akka hin barbaachifne himan.

Oduun kaan isiinif qophahee karaa Seaboard Triumph Foods kan Sioux City Iowa keesayii, karaa gamachutiin Siouxland kessati bara 2017 irraa jalqabee hawasaa kana deegaru. Odeefannoo dabalataa yoo fetee wa’ee Seaboard Triumph Foods malloo wesayitti kanaa senaa, Siouxcitypork.com.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content