A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Guyyaa lama booda eega barattooni barumsa guututi deebi’ani manni barumsa Sioux City tokko

Guyyaa lama booda eega barattooni barumsa guututi deebi’ani manni barumsa Sioux City tokko barumsa online manaati deebise jira.

Manni barumsaa Nodland kutaa lamaffaa emergensiidhan kara online dhaan barachuti deebisanii jiru.

Sababni isaas barattooni baaye kutaa keessa Covid-19 qabamani jirani akkasumas malattoo isaa mullisani.

Karoori isaanis barattooni guyyaa harbaa September 23rd kara mana barumsaati kan deebian ta’a.

Guyyaa borii, hawaasni aana Sioux City karoora coronavirus iraa barattoota, barsiisotaa fi hojattoota birraa kan dabalataan qabaman bor kan ibsu ta’a. torbaan tarte keessa nama baaye qabamee turee, torbaan jalqabaa hojattooni lama akka qabaman gabaafame ture.

Akka aanan mana barumsaa jedhetti warrooni barattoota mana baruumsa qabame keessati argaman akka barumsi hatatamaan gara  barumsa online dhaan baratani jijjiiran itti himamee turee.

Sababa Covid-19 jiraatoni Iowa dabalataan namni 20 du’anii jiru, akkasumas namni haarawa qabame 800 dha, akkaa gabaasa website mana fayyaa Iowati. Akka dhukubni jalqabeera waliigalati namni qabame 72,000 gaheera. Kan waliigalati du’enmmoo 1,205 dha. yeroo ammaati bakka 30 long term care facilities kan Iowa keesaa juruu jira.

Akka oduu conferensii har’aati, Governor Kim Reynolds akka jetteti barumsa online barachuun warra hubana qabaniif bareeda jette, garuu, barattooti haala jiraanya isaani ulfaata ta’e fi dandetti online hin beyniif rakko dha. Garuu mani barumsaa wanna maraa nikaneef.

Governor Kim Reynolds haasawa isii keessati dabalataan akka jetteti yoo xiqqaati harki 50 kan class mana barumsaa Iowa keessati akka dhaqanii barataniif akka deegaraani jiran himte. Aana Des Moines public school qofatuu karoora isiin jette jala deemu dide, corona virus nibabal’ata jedhani waan sodaataniif. Aanichi mana barumsaa online dhaan guyyaa kibxataa bane jira.

Akka oduu guyyaa har’aati, Reynolds online dhaan barachuun filanoo bareeda jette, garuu barumsi dhuunfaan baratan barumsa ijoole irrati miidha qaba akkasumas warra rakkina qabanis nimiidha.

Reynolds akka jetteti barattooni manatti barachuun nyaata gaha nidhabu, qarqaarsa barumsa hin argatan fi samuus nimiidha.

Governor irra deebiami waa’e haguugi fuula dirqaama godhiif gaafatamte jirtii.

Reynolds akka jetteti humnan dirqisiisu akka hin jirre himte. garuu umanni Iowa haguugi fuula ufachuu, fagaeenya ufii eegu, harka dhiqachuu fi yoo dhukubsatan akka mana ta’an akka amantu dubbate.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content