A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Guyyaa kaleessa nama haarawa Covid-19 qabame US keessati 70,000 kunis

Oromo News 10/23/20

Guyyaa kaleessa nama haarawa Covid-19 qabame US keessati 70,000 kunis jia sadihii as ka akkanati hin mulanne ture, akkasumas namni hospitaala galuu gudachu jira. Guyyaa kamsaas akka July 24 asiitii namni bayani kan qabame sadarkaa waliigala afraffaa irra jira, akkaata gabaasa John Hopkins University nama 71,671 dha.

Websaayitin corona virus kan state Iowa akka gabaaseti namni ammati hospitaala jiru sababa cororna virus nama 536 dha. Guyyaa har’aa namni qabame 1,587 dha. Jiraatoni Iowa waliigalati gara kuma 86 ol ta’uu corona virus dhaan qabame jira. Akkasumas namni 1600 oltuu due jira.

Distriktiin mana fayyaa Sioux land akka gabaasanitti se’aati 24 keessati namni haarawa har’a qabame 77 dha. Nanmi haarawa du’e ammo hin gabaafamane.waliigalatti Woodbury County keesatti namni due 94 dha. Sababa corona virus ammo namni 73 hospitaal galee jira, namni 44 Woodbury County keessaayi.

Warri Foundation tola ooltota hiriyyooni deparmaanti polisa Sioux City ta’an qarqaarsa corona virus dhaaf tau $15,000 magaala Sioux City dhaaf kennan.

Qarqaarsi kunis kan kennameef haguugi fuula akka umataaf raabsamuu fi production fodaa dhaan dhiqan akka bahuu kan qarqqarudha. Jechi, “Masks Encouraged, keep Sioux land safe”. Kan jedhu maxxanfamee jira bakka suuqiidhaniiti.

Gosti Oglala Sioux City Tribe keesa kan jiraatan sababa Covid-19 guddataa deemu jiruuf Pine Ridge Indian Reservation cufu jirani. cufuunis kan jalqabamu guyyaa jimaata 10p.m irraa October dhuma irrati se’aati 6 a.m ti. yeroon sanitti, deemsi dirqama hin taane dhoogame jira. Gostii sunis akka jedhanitti daldala dirqama hin taane kan cufamu ta’a. akkasuma imalli dirqama hin taanes kan dhaabatu ta’a.

Waraqaa filannoo Jiraatota Iowa tiif absentee ballot guyyaa dhumaan isaa sanbata dha. Auditor county hanga sanitti gaafi isaani biro kaahu qabu. Filattooni Iowa 807,000 ol ta’an absentee ballot erganii jiru. Kana keessa 800,000 kara filatootafi ballot ergamee jira. Ballot kana keessa million qixxee kan tau guutame gara auditor’s office deebie jira.

Yeroo fillanoo kan yowaan jalqabamee hanga November 2nd Iowa , Nebraska, fi South Dakota keessati kan fufu ta’a, filattooni galmaahan County isaani keessati yowaan kan filata’an ta’a. Filattoota Iowa fi South Dakota dhaaf , wanni fiduu qaban, drive license, non-operator ID card, US Military yookin Veterans ID, Passport yookin Tribel ID dha. Gaafidhaaf yookin odeefanno dabalataa yoo barbaadan, gara Iowa Secretary of State voter bilbiluu ni danddesu lakkoofsis 515 281 0145 dha, lakkoofis Secretary State Nebraska immoo 402 471 2555, secretary state kan South Dakota 605 773 3537 dha.

Galatooma

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content