A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Governor Iowa kim Reynols dhukuba corona virus kan state keessati dabalaa dhufe

  

Oromo News 11/05/20

Governor Iowa kim Reynols dhukuba corona virus kan state keessati dabalaa dhufe hir’isuudhaaf akka tarkaanfi fudhatan media irrati haasawa jalqabuu karoora baafatani jiru, garuu ajaja kamuu kan qabneedha yookin seera haarawa kan hin murteesineedha.

Reynolds akka jetteti repuplikaani hin jafachuun baayinni jiraattota Iowa haguugi fuula akka hin godhaneefi seera bakka daldala irra kaahame akka kaafamu kan dangeeran tauu mullisa.

Iowa keessati guyama guyyaan kan namni corona virus qabamuu jiruu 4,500 kan guddate yoo tau, namoota hospitaala yaalamanis baayata deemu jira. Namni dabalataan due 20 yoo tau, kanis nama tokko Woodbury County keessa jiru dabalateeti. Waliigalatti namni Woodbury County keesatti due 102 yoo tau namni haarawa qabame ammo 100 dha.

Qorannoo bulti 14 godhame Woodbury County keessatti namni qabame parsanttidhan 20.6% gaheera. Wanti kamuu parsantii 15% ol yoo kan taruu mana barumsaa online dhaan akka baratan kan godhamuudha. Akkasumas namni hafes parsanti 10% dha. Dubbata aana mana barumsa Sioux City akka jedheti Siouxland puplic media bakka san hanga amma akka hin gahin duubbate. Walgahii board mana barumsa kan wiyxata qophaahu irrati mata duree kana akka kaasan gabaasan.

Iowa keessati namni qabame South Dakota duuban lamafaa qabatee November bultii shan kana keeessa namni due 57 kan tau yoo tau, akka dhukkubni jalqabee waligalatti namni due 482 gaheera. Guyyaa har’aa seaati 24 keessatti namni due 22 dha.

President Trump filannoo Iowa keessati harka 70 % ka injifateedha, namoota jalqaba Biden filatan haala salphaan kan injifataneedha. Unofficial result akka mullisuti Trump bakka filannoo 6 keessaati harki 53% kan injifate  mullise. Akkaata lakkoofsa ummani jalqaba mana filateefi kaa xalayatiin dhan. Filattooni kuniinis Biden kan filataniidha.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content