A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Governor Iowa Kim Reynolds hiriira ilaalate gargaarsa dabalata osoo hin ajaajne dura bulchoota

Governor Iowa Kim Reynolds hiriira ilaalate gargaarsa dabalata osoo hin ajaajne dura bulchoota naannawa yaada isaani akka gaafatu himte. Turban darbee keesa eega poolisni Minneapolis keessati George Floyd ajjeesse booda umaani hiriira bahuudhan jijjiirama gaafata jiiru.

Sioux City keessatti halkan edaa downtown callisaa ture. Namnii tokkochiyuu hin hidhamnee, nama 200 oltuu kale gannamaa wajjiraa poolisii durataa hiriira bahee ture. Kaleesa bulchan magaala sioux city Mayor Bob akka sa’aati umaani allaa gallu ittu basuu yadee garuu hanga ammaati murti irra hin gene.

Manni fayyaa oficial akka himeti namni 3 sababa covid-19 dabalatan du’u hime, waliigalati sioux city naannowa metroti namni sababa covid-19 du’e 62 gaheera.

Magaaala Dakota County keessatti namni haarawa virasichan qabame 2 yoo ta’u waliigalatti 1,700 gaheera. Akkasumas magaala Woodbury county harawni 25 yoo ta’u waliigalati 2,800 gaheera.

Kampanin Tyson kan booyye storm Lake keessatti argamu namni qabame dabaluun oduun irra himamera. Hojattoota 2,300 kan facility keessa dalagu keessa hojjattooni 600 viyrisichan qabamuu gabaasani jiru. Kampanichi akka himeti hojjattoota  isaa keessa 75% mallato dhukuba irrati hin mull’ane jedhan.

Harki saddaffaa hojatoota kan qabamanii turaan qulqulaahun dalaga deebi’aniiru.

Oomishnii muraawe borirraa itti fufa.

Hoggasuu kampaniin horii kan Dakota City keessatti argamu sochii isaa sutumaan guddisaa deemu jira. Hojattoota 4,300 keessa 800 varrasichan kan qabamanii turan ammas boqannamara jiruu.

Manni barumsa Iowa daa’imaa fi ijoole nyaata bonaa kanna kessa kennatuma jiran, umanni garuu addaan fagenyaa itumaa fuffu qabu fi sababa dhukuba kanaa nyaata kenuun March keessa jalqabe.

Manni barumsa aanaa Sioux City ijoole umrii isaani 1-18 ta’aniif nyaata kuma 250 ol kenaniiru.

Dura bu’aan tajaajila nyaata akka jedhetti, aanaan kuni guyyaati nyaata 4000–5000 kan gahu akka qoodan himan.

Aanaan mana barumasa qarra guyyaati nyaata 1,500 kan ta’uu nyaata qophesu ijoole bakka barumsatti nyaata ofii nyaachu qabu. Amaa garuu sababa covid-19 akka fudhatani galan godhameef, kunis ittuma fufa.

Iowan yeroo jalqabaatif bakka filannoo hanga sa’ati 9 har’a ni banaama.

Filattooni Republika akka jedhaniti Aanaan 4ffa kan mana martiittu murteesa yoo Steve King filanno ufdurati dhufuu yoo inni Democrat J.D. Scholten waliin kan walmormu ta’ee.

Magaala Woodbury keesati geggeesan filannoo sagalee keenudhaf gaafi dabalata gaafataniiru akka ummani karra xallayattin filattu. Sababa covid-19 bakka fillannoo 44 keessa magaala Woodbury county keessa 5 qofa baname. Har’a sa’aati booda bakka fillannon itti ademee Long Line Rec Center tti namni baaye akka qaaratti hin argamiin debataan.

Namni baay’e akka jedhanitti kuniis sababa dhufaniif fillaanno Woodbury sheriff kuni Republican lama walitti waan fiduuf jedhan, ka biraas namicha dalagaa yerro dheraaf dalagee Todd Wieck fi namicha qara poolisaa Sioux City turee Chad Sheehan degaruuf dhufaan.

Filannoon South Dakota ammo har’a sa’aati 8 p.m cufama.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content