A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Governor Iowa Kim Reynolds akka jetteti state guututi dhukubni Covid-19 akka malee akka baayatu jiru

Oromo News 11/10/20

Governor Iowa Kim Reynolds akka jetteti state guututi dhukubni Covid-19 akka malee akka baayatu jiru himan.

Akka oduu conference har’aati, babaliina dhukkuba kanaa hir’isuuf bakka ummani wal gahutti haguugi fuula akka godhatamu ajajde. Akkasumas emergency mana fayyaa guyyaa 30 dhaaf itti dabalte.

Reynolds akka jetteti bakka waliqabaman hundinuu bakka sports mana keessa yoo tau nama 25 alammoo nama 100 ta’uu qaba, yookin ammo namni martuu umrii 2 fi Sanaa ol tae haguugi fuula akka ufachuu qaban himte. Addaan fageenyis akkuma eegame ta’uu qaba jette.

Reynolds akka jetteti haali yeroo amma jiru kan fufuu hin dandeenne himte fi kun kan guddata yoo kan dhufu nama haakima surge fedhu irrati miidha akka qabu gabaasan.

Manni dhugaati keessati addaan fageenyi eegamu qabama fi degartooni yoomu seaati fedhaniti taau ni dandau.

Akksumas Governor hojattooni karaa hojii isani itti hojataniifi karaa harawa hojii isaani ittiin hojattan godhuudha yadani jiru.

Maamiltoota fi hojattoonis salons, barbershops, massage therapy establishment, tattoo establishements, tanning facilities fi establishments biraa keessati haguugi fuula ufachuu qabu.

Deparmantii mana fayya Iowa akka gabaasetti sababa dhukuba namni dabalataa 27 kan duan yoo tau namni qabame ammo 4,400 dha seaati 24 keessati.

Mana fayyaa Siouxland nama tokko dabalataan kan due fi waliigalati namni due 103 fi namni haarawa qabame 115 akka galmesan himan.

State Iowa record haarawa nama qabamu long term facilities keessati akka guddate gabaaste. Akka state guututi 102 yoo tau North West Iowa keessati nama 15 dha.

Deparmantii mataa mana barumsaa Iowa akka jedhetti aanan manabarumsaa gaafate akka barumsi online irrati deebiu osoo namni qabame hafe 15 fi parcantii 10 illee gahuu baate.

Akka isiin jetteti wanni martuu yeroo isaani kan tau fi aanichi barumsa kara online seaati 48 dhaaf deebi’u ni danda’a jetteti deebi state irraa akka eegu jiran himan.

Osoo state irraa hin mirkaanaahin, yoo xiqqaate manni barumsaa qixxee isaa qaaman qabachuu qabu haa tau malee aanan barumsaa martuu barumsa torbaan lamaaf barumsa online deebisu nidandau.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content