A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Governor Iowa Kim Reynolds, akka dhukubni covid-19 hin baayanneef ogeeyyi fayyaa waliin waliigaltee

Oromo News 01/07/2021

Governor Iowa Kim Reynolds, akka dhukubni covid-19 hin baayanneef ogeeyyi fayyaa waliin waliigaltee haara dhukuba irrati malatteesuf himte.

Seerri kunis mana keessati ta’ee wayta nama wajjiin walgahaan daqiiqa 15 caala yoo kan turani haguugi fuula godhachuu akka qaban himan.

Sponsara mana barumsa sadarkaa lamaffaadhaf bakka wal gahii fi isportiiti hangi nama kan murtaahe ture, amma akka guyyaa jimaata ka’uu malu himan.

Seeri Manneen fayyaa biraa amoo sera qaraa hanga February 6th kan fufu ta’a.

Barsiistu mana barumsa Northwest sababa Covid-19 du’uun eshii himame.

Cherie Dandurand barsiisa middle school fi coach kubbaa harkaa Woodbury County keessati dalagaa turte. Districkt bara 1991 kan seentedha.

Akkaata Website himutii barsiisan track kunii, barreessaa North High School kan Sioux City October keessa sababa Covid-19 dueera .

Kana dura district mana barumsa Sioux City du’a irratti yaada homa hin kennine ture jedhani yaada kan kennan wayta sanitti mana barumsa cufaa wan taef akka achitti hin qabamin himan.

Governor Reynolds protest U.S godhame fudhatama kan hin qabnee warri akkas godhes seerrati akka dhihaachu qaban himte.

Garuu akka isiin jetteti filattoota qixxeen isaa filannooti ka hin amanin waan ta’aniif san guutudha wanii tokko akka godhamuu qaban himan.

Oduun kan isiinif dhufee karaa warra Seaboard Triumph Foods kan Sioux City Iowa kessarrayii, hallaa gariidhan warra hawaasaa Siouxland baraa 2017 irra qarqaruu. Edeefannoo dabalataa yoo fetaan wa’ee Seaboard Triumph Foods maloo websayitii Sioux City Pork dot com sennaa lalaa.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content