A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Fuula filannoo irratti torbaan tartee filannoo jalqaba magaala Woodbury county bu’aa filannoo

Fuula filannoo irratti torbaan tartee filannoo jalqaba magaala Woodbury county bu’aa filannoo irratti garaagarumma hin argamu.

Har’a ganama filannoo harkaan lakkaahame kan June 2 maashinaan lakkaahame walqixuma ta’uu isaa Woodbury county duraa ta’aan filannoo Pat Gill himee waraa sioux city oduu himaati.

Coronavirus mul’achuun Iowa keessatti akkuma itti fufeeti jira, kessatu magaala Woodbury county tti. Manni fayyaa Iowa akka gabaaseti namni haarawa Iowa keessatti qabame 307 dha. Waliigalatti namni qabame 21,918 gaheera. Namni haarawa du’ee 6 yoo ta’u waliigalatti kan du;e 607 gaheera. Magaala Woodbury county keessatti namni haarawa qabame 17 yoo ta’uu waliigalatti 2,931 fi kaa du’an 37 gaheera garuuu duuti haarawa hin galmooynee.

South Dakota nama haarawa covid-19 du’ee 3 gabaaste jiirti, akkasumas namni haarawa 52 qabameera. Akka manni fayyaa gabaasetti magaala kanatti duuti waliigalatti 68 gaheera, akkasumas namni dhukubichaan qabame 5,523 gaheera.

Magaala Nebraska keessatti namni dhukubichan qabame 15,752 gaheera. Kan har’a qabamee nama 118 dabalatee fi namni du’es nama 188 gaheera.

Hidhamaan magaala Woodbury county keessatti namni 3 torbaan kana keessa coronavirus qabamu beekama, akkaata gaazexaa Sioux City himetti, Hidhamtooni sadihii kanniin osoo qorannoo hin godhiin hidhamtoota  biraa waliin turan  sadiinu amma kophaa bahanii taa’u jira. Hidhamtooni hafan 144 qorannoo godhaniiru, deebin qorannoo har’arraa kan deebi’u ta’a.

Magaala Sioux city keessatti kan argamuu LaunchPAD museum ijoole July 1st irraa banama, garuu covid-19 akka hin babal’anes hirisuuf of eeganno gochuuf seeraa baay’ee kaahaniru.

Garuu LanchPAD keesummooni osoo hin daawatin duraa yeroo dhufan bakkaa keenan qabuu dhaf website muuziyamii akka laaltan isin gaafana. Muuziyamit akka himeeti namni yeroo takkoon seenu danda’uu nama 50 qofa.

2020 downtown live! Concert sirbaa June, July fi August keessa kan qabame turee dhiifame jiraa.

Concert kan himme guyyaa Kibxataa himeera, oduu irratti qopheesitooni akka himanitti dhukuba kun baaye yaachisura kan ka’e qophii torbaan dhufu qophaahu kan karaa nageenyatin qopheesun baaye itti ulfaate.

Itti gaafataman ikonomii Iowa U.S senate Panel fuduratti har’a sa’aati boode biyaa fi ikonomii biyyaa guddisuudhaf hojii godhama jiru waan miidhaa jiruu radio Iowa dhaf himaniiru.

Director transport Department Iowa Stuart Anderson transport komishinii irratti qorannoo kale godhame irratti akka himaniti lakkoofsi tiraafikota April 10 gadi xiqqaate jira Anderson torbaan taree irra jalqabee torbaaniti hanga tiraafikoota dabaluu isaa himaniiru.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content