A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Erga manni barumsaa sababa Covid-19 tiif jia shanii ol cufame booda, guyyaa har’a barattooni mana

Erga manni barumsaa sababa Covid-19 tiif jia shanii ol cufame booda, guyyaa har’a barattooni mana barumsaa hawaasa Sioux City keessa barumsa walkamaatin mana barumsaati deebi’aniiru. Durabu’aan mana barumsaa akka jedheti County kana keessati dhukkubni Covid-19 haala amma jiruun yoo taa’e yookin 9.5 yoo gad deebie barattooni guutumaan guututti September 8th gara mana barumsaati nideebiu, ayyaana hojattoota ykn (Labor Day) eega baasne booda.

Kutaa Iowa tti se’aati 24 keessati namni haarawni 9 sababa covid-19 kan du’an yoo ta’u 500 nimmoo qabamaniiru.

Waliigalatti Iowa keessati namni qabame 57,000 yoo ta’u waliigalatti kan du’emmoo 1,048 dha.

Websiten Corona virus kan Iowa Woodbury County keessati namni kaleessa qabame 20 akka ta’e gabaasan. Lakoofsi nama du’e County keessati 54 irruma jira. Waliigalatti Dakota County keessati namni du’e 42 yoo ta’u nama haarawa har’a qabame 3 dabalatee waliigalati kan qabame 1,947 gaheera.

Governor Kim Reynolds federal CARES Act reliefs dolaara million 100 tilmaaman ramadde. Maalaqani kuni wantoota qonnaaf sababa covid-19 argameef kennama warroota aka qoteebultoota, qopheesitoota fi waarsha qonnaa.

Kantiiban Sioux City Bob Scott akka jedhetti dirreen xiyaara ameerika yeroo ammaa tif qophii itti qophaan duubati harkisani airport Sioux gateway irraa ka’u.

Waliigahii magaala kale godhame irrati Scott akka jedhetti, Congaresin akka waliigalatti qarqqarsa maallaqa akka godhamu abdii qaba. Sochiin kun kan murtaahe lafakaahame October 7 hanga November 3 yookin gargaarsi maallaqa CARES Act irraa argamu hang sututti. 

Sanganta salvation army ummata qarqaaru jira ummata sababa dhukkuba Kanaan miidhame drive-thru dhaan jum’aa kana raabsu jalqabu.

Kan itti jalqabu se’ati 10am Salvation Army waajjira Villa Avenue kan Sioux city keessati argamuti.

Kan qabanis foon hanga box 250 yoo tau, namni martuu dhufuu nidanda’a ID illee hin barbaachisu nyaata kana argachuuf.

 

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content