A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Department mana fayyaa Iowa akka biyyati guututi namni haarawa sababa Covid-19 due 3 yoo ta’u namni

Oromo News 03/03/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni  Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Department mana fayyaa Iowa akka biyyati guututi namni haarawa sababa Covid-19 due 3 yoo ta’u namni haarawa qabame amoo 600 oldha, nama 28 haarawa kan qabame kan Woodbury County dabalatee.

Lakkoofsi nama hospitaala jiru Iowa keessati 200 gad xiqqaate jira. Hospitaala Sioux City lamaan keessati dhukubsattooni Covid-19 parsantii 30% gad xiqqaate jira. Guyaa kaleesa nama 15 yoo tau guyyaa har’aamo 11 dha. Qorannoo bulti 14 keessati godhame namni qabame parsanti 6% gad xiqqaate jira.

Iowa Governor Kim Reynold’s gabaasa oduu guyyaa har’aa ejensi tokko simachuuf wayta deemtetti waaye faayida talali corona virus himtee jirti.

Reynolds akka jetteti qorichi 741,000 tau state guutu keessati kennamee jira. Parsantii jiraattota 24% ta’an kan umiriin isaani 18 fi sanii ol ta’an taalali yeroo tokko argatanii jiru. Parsantii 70% kan tau ammo nama umriin isaani 65 fi sanii ol ta’an argatanii jirani.

Ogeessi fayyaa Nebraska akka jedhetti talaali corona virus kan itti aanu kanatti akka state guututi akka nama umriin deeman irrati akka xiyyeefatan himan, kunis baayanin kan jia kana dhuma irrati ta’uudha.

Gov. Pete Ricketts akka jedheti state talaali corona virus kan dhufu kana keessati parsantii 90% isaa akka nama umriin isaani 50 fi 64 ol ta’anii fi sanii olta’an jalqabatti akka kennuu qaban ogeeyyi fayyaati himani jiru. Parsanti 10% kan hafe ammo jiraattota maraafu kan kennamu ta’a.

Rickets akka jedhetti doctorota local public health directors waliin eenu hojachuu akka danda’u kan madaalan ta’a.

Oduun kaan isiinif qophahee karaa Seaboard Triumph Foods kan Sioux City Iowa keesayii, karaa gamachutiin Siouxland kessati bara 2017 irraa jalqabee hawasaa kana deegaru.  Odeefannoo dabalataa yoo fetee wa’ee Seaboard Triumph Foods malloo wesayitti kanaa senaa, Siouxcitypork.com.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content