A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Deparmantiin mana fayyaa Iowa guyyaa har’aa nama Covid-19 haarawa due 19 fi nama haarawa qabame 412

Oromo News 03/11/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa guyyaa har’aa nama Covid-19 haarawa due 19 fi nama haarawa qabame 412 akka tae gabaasani jiran.

Deparmantiin akka jedheti Woodbury County, se’aati 24 keessati namni 31 akka qabame gabaasan. Qooranno bulti 14 Woodbury County keessatti godhamen nama qabame jiru parsanti 6.4% akka tae himan, kunis guyyaa kaleessa irraa kan hin jijjiiraminiidha.

Akka gabaasa state Crawford County keeessatti namni baayen akka corona virus qabamanii jiran gabaasan.

Guyaa har’aa se’aati 1 p.m irraa jalqabee Woodbury County keessati talaali corona virus laamu jiraattoni 7,687 ta’an fudhatani jiran, akkaata gabaasa state tti. Kunis jiraattota irraa parsantii 8 kan ta’aniidha.

Ogeessi fayyaa deparmantii State akka jedhetti virus corona haarawa kan United Kingdom keessati argamee ture amma South Dakota keessati akka argame gabaasani jiran. Ogeessi fayyaa akka jedhetti kan qabame nama lama yoo tau jaratti manatii keesati yaalamu jiru. State Secretary kan fayyaa akka jetteti deparmantiin isii “closely monitoring” virus ammaa kana irrati akka hojataa jiran himte.

South Dakota health officials guyaa hara’a akka gabaasaniti namni haarawa guyaa har’aa qabame 203 dha, kunis lakkoofsa waliigala qabame gara 114,163 dabalee jira akka dhukubni kunn jalqabe irraa.

Jiraatoni Iowa gurraachi cancer irraati kan baayatu fi kan du’uu warraa olla caala akka baayatan himan, akkaata gabaasa research University Iowa ti. Sababa cancer ummaani gurraacha kan due parsantiin yoo kaahame 25% ummata adii irra guddata, akkaata gaabasatti.

Dr. Mary Charlton, professor epidemiology kan Ul’s College public Health fi barataa Co-authors kan tae akka jedhetti, garaagarummaan isaa waaye jibbaa bifaa irrati kan hundaaedha jedhan.

Oduun kaan isiinif qophahee karaa Seaboard Triumph Foods kan Sioux City Iowa keesayii, karaa gamachutiin Siouxland kessati bara 2017 irraa jalqabee hawasaa kana deegaru. Odeefannoo dabalataa yoo fetee wa’ee Seaboard Triumph Foods malloo wesayitti kanaa senaa, Siouxcitypork.com.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content