A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka gabaasanitti guyyaa wiyxataa Woodbury County keessati namni 3 dab

Oromo News 01/04/2021

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka gabaasanitti guyyaa wiyxataa Woodbury County keessati namni 3 dabalataan sababa Covid-19 du’uu himan, akka dhukubni jalqabe nama 171 du’ee.

Torbaan tokko keessati, Iowa nama due 247 edaate jirti fi namni haarawa qabame ammo 10,000 ta’uu gabaasan.

Woodbury County keessati, guyyaa haar’a namni haarawa qabame 17 yoo ta’u, qoranno bulti 14 keessati namni qabame parsantii dhan 15.5% gaheera. Torbaan lamaan darbe irraa parsanti lama olgudattee jira.

Manni fayyaa Siouxland akka himetti gabaasa December 27th torbaan dhumaa irrati ergabaasanitti namni qabame akka olgudattee jiru himan. Gabaasni akka jedhetu Kanaan dura namni xiqqaachu kan male sababa namni haguugi fuula godhachuufi fageenya ufii egachun ta’uu nimala jedhame. Haata’u male, guyyaa ayyaana namni seera kana kan hin hordafin ta’uu nimala.

(South Dakota tti torbaan tokko keessati namni 2,000 ol kan qabame yoo ta’u, namni waliigalatti duemmoo 67 dha.

Nebraska keessati, torbaan tokko keessati namni 7,000 ol qabame jira, akkasumas waliigalatti namni 113 kan du’eedha. Ogeessi fayyaa Dakota County akka barri haarawa seene as namni lama du’uu gabaasan. Guyyaa har’aa ammo namni 23 haarawa qabame jira.)

Abukatoon Iowa akeekachiise kenne qorannoo umatta kakkaasu waan qorachuu jalqabaniif waa kijibuu irraa akka uuf eegan himan.

Federal Trade commission akka jedheti motumaan bilbiluu, dhamsaa, email yookin social media irrati contact godhan social security, account bank yookin credit card numbers gaafachuudhaf.

Dabalataan, birrii keesan parties sadaffaa irraa kan argatan ta’a.

Birrii keesan direct deposite, check warqataan fi economic impact payment debit card kan argattan.

Oduun kan isiinif dhufee karaa warra Seaboard Triumph Foods kan Sioux City Iowa kessarrayii, hallaa gariidhan warra hawaasaa Siouxland baraa 2017 irra qarqaruu. Edeefannoo dabalataa yoo fetaan wa’ee Seaboard Triumph Foods maloo websayitii Sioux City Pork dot com sennaa lalaa.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content