A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Deparamantiin mana fayyaa Nebraska akka gabaasanitti gosti virus Covid-19 kan United Kingdom keessat

Oromo News 03/15/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Deparamantiin mana fayyaa Nebraska akka gabaasanitti gosti virus Covid-19 kan United Kingdom keessati argamee turee Northeast Nebraska Public Health kaan Siouxland keessati jiru argamee jira. Kunis kan walqabatu counties dhan kan Cedar, Dixon, Thurston, fi Wayne dha. Virus kunis kaan irra kan dadaffee namatti taruufi kan baaye nama dhukubsu akka taes himanu jiran.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka gabaasseti sababa Covid-19 jirattooni Iowa 8 dabalataan kan duan yoo tau, namni haaraawa qabame ammo 200 dha. Kan keessa namni 16 Woodbury County keessati kan argamaniidha. Waliigalatti Woodbury County keessati namni due 216 dha, nama tokkoo guyyaa sanbata due dabalate.

Ogeessi kan Siouxland District Health akka jedhetti lakoofsi nama virus qabamuu dabalee jira kanafu jiraattoni hundinuu mask godhachuu, fageenya ufii addaan eegachu, harka dhiqachuu, yoo dhukubsatan mana taaufi nama walitti qabamuu irraa fagaachu akka qaban hime.

Kuni kanumaan osoo jiru, lakkoofsi nama hospitaala jiru guyyaa jimaata as parsantii 20% dabalee jira, guyyaa jimaata hospitaala Sioux City lama keessati nama 20 jiraa ture.

Festival Tulip Orange City keessati jia May keessa kan qophaahu ta’a. kunis akka gabaasa Social Media irrati kan dhiifametti. Qophii wagga tarte sababa Covid-19 haqamee ture. Wagga kana May 13th fi 15th kan qabameedha kunis kan qophaahu haala eegumsa fayyaa irrati hundaa’e fi kan eegumsan qophaahedha.

Oduun kaan isiinif qophahee karaa Seaboard Triumph Foods kan Sioux City Iowa keesayii, karaa gamachutiin Siouxland kessati bara 2017 irraa jalqabee hawasaa kana deegaru. Odeefannoo dabalataa yoo fetee wa’ee Seaboard Triumph Foods malloo wesayitti kanaa senaa, Siouxcitypork.com.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content