A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Dameen mana fayya Iowa akka gabaasetti sababa corona virus namni haarawa du’e 15 akka ta’e gabaasni

Oromo News 02/24/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni  Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Dameen mana fayya Iowa akka gabaasetti sababa corona virus namni haarawa du’e 15 akka ta’e gabaasni  jiran. Se’aati 24 darbe keessati namni 700 ol haarowni akka qabame gabaasan, nama 26 Woodbury County keessa dabalatee.  Qorannoo bulti 14 keessati godhame Woodbury County keessati namni qabame parsantiidhan wayta kaahamu 5.4% gahee jira.

Ogeessi fayyaa South Dakota waliigalati State talaali corona virus fudhatte 22% akka ta’e himan. Qorichi kunis talaali sagantaa faarmaasii federaala fi administreted karaa tajaajila Indian health  akka hin dabalanne himan. Oduu conference guyyaa har’aati, ogeessi akka jedhetti taalaalin baayen kan fudhachuu danda’an kan himan yoo tau, garuu wanni kennamu hin jiru.

Winnebago public Health Department guyyaa har’aa waan harawaa Covid-19 kan gad dhiifame yoo tau talaali corona virus 2,000 gad dhiifame. Kunis hawaasni talaali darbe kan fudhatte parsanti 40% kan wal qixxaahudha. Hawwiin isana argachu 80% dha. Lakkoofsi kunis Aangoo seeraa kan Siouxland  kan baaye caaludha.

Aanaan mana barumsaa Sioux City barumsaa online dhaan barachuu dhiise barumsa qaaman barachuu irrati akka xiyyeefatu hime.

Guyyaa kibxata, School board federal fandii million$20 kenname akkamitti qarqaarsa barattootaf akka oolchan mari’atani jiran. Maree baaye booda board akka murteesseti sababa corona virus kana rakkoo dingata kan qunname akka qarqaaran murteessani jiran.

Federal fandii kan fayyadamanis sagaanta remedial barachuuf, tutoring, summer school, fi barnoota biraa kan barbaachisuf. Aanan kuni $million 2.8 kan argateedha, summer tarte san keessale waliigalatti  $milion 17.3 waggaa kana keessati argatee jira.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content