Oromo News 12/23/2020
Blizzard akeekachiisa kennite jiraattota Siouxland dhaaf guyyaa harbaa sababa snow, jajjabaa, bubbee fi qorraa hanga 9pm irrati. National Weather service akka jedhanitti magaalan Sioux City snow inche sadii akka bu’u maluu himan.
Bulchaan Sioux City Mayor Bob Scott seera emergency snow hime jira.
Seerri emergency kunis karaa irrati makiina seera malee dhaabu fi abbaan ufii laalu male kan dhoongudha, eegumsa baradoofi qalama adii fi buleedhan kan kaahameedha.
Makiinan harbaa December 23 irraa jalqabe karaa irra dhaabachu ni danda. Guyyaa kamsaa December 24 irraa jalqabe seati 7.00 a.m irraa kae akka kauu qabu himan.
Yoo malattoon parkin hin jiruu jiraate,makiina achi dhaabu hayyama hin qabanii akkasumas achii kaasu qabu kara bakka biraati.
Jiraattoni Iowa namni 15 dabalataan sababa Covid-19 duanii jiru. Seaati 24 keessati namni haarawa qabame ammo 2,000 ol dha.
Ogeessi South Dakota ummani yeroo ayyaan kanatti akka talaali corona virus fudhatan yaadachiise, akka inni jedhetti yeroo namni walitti qabamu kanatti talaali kana fudhachuun akka dhukubni hin baayanne kan gargaaru ta’a jedhee jira.
December oduu bareedan kaahame jira, namni haarawa qabamu xiqqaata deemu jira akkasumass talaalin virus sichaass dhufee jira. Deparmantiin fayyaa akka gabaasanatti namni haarawa dhukubichaan qabaman 500 ol kan ta’u yoo tau duuti haarawni hin jiru.
Hatau malee, state jia kana keessa parsanti nama due baaye akka tae gabaasan.
Nebraskan kaluu kanatti seera dhukubichaa xiqqeesu akka maltu himan sababni isaas namni sababavirus hospitaala gala jiru xiqqaatawaan dhufeefi.