A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 05.14.21

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Bakkeen dhukkuba itttisanii fi hordafan har’a akka jedhanitti nama talaali hunda fudhateef haguugi fuula fudhatani deeman yookin fayyadaman hundattu haguugi fuula akka dhiisu danda’an himan.

Seerri haaroyni ammas bakka namni walitti qabamuu bus, plane, hospital, mana hidha, fi warra ala galuu keessati haguugi fuula akka godhatan kan godhamaniidha, garuu bakka dalagaafi maneen barumsa irra deebiani seera banuu akka dan’an himan. 

Ammati talaalin Pfizer’s kan Covid-19 nama umriin isaa wagga 12 fi sanii ol tae kan kennamu jalqabe akka tae himan. Doctor Iowa akka jedhanitti warrii gariin gaafa akka qaban ibsanii jiru. Dr. William Ching pediatric hospitalist kab Unity Pointy Health St. Luke’s hospitala Cedar Rapid keessa dalagu hime jira. Haga inni talaalichi fayyaadha jedhette, ijoole baayen fudhatani jiru. Akka jedheti, ijoole sochii isaani kan qaraatti akka deebian himan. Akka innijedhetti ijoolen talaali corona virus kan fudhatan, virus kan hin qabamne yoo tau akkasumas midhaa baayele hin qabu.

Deparmantiin hospitaala Iowa har’a akka gabaasanitti guyyaa namni corona virus due 5 yoo tau haarawa kan qabame ammo 305 akka tae himan.

Woodburry County keessati namni guyyaa har’a qabame 3 dha.

Barataa University Iowa Mollie Tibbetts kan ajjeese jedhame himattame irrati ummani himannaa akka dhaqanii hordafuu danda’an himan, garuu qaamani miti jedhan. Sababa Covid-19 irra hordafuudha abaan murti Joel Yates akka jedheti ummanni fi warri miidiya sababa dhukkuba kanaa mana murti Cristhian Bahena ti akka hordafuu hin dandeenne hime.

Garuu warri oduu himu camera fagoo kan jalqaba irraa hanga dhumaati mullisu ummani internaati fi television akka laaluf akka qopheesu danda’an himan. Rivera guyyaa wiyaxata himannaa ajjeecha tokkofaadhad kan dhihaatu jedhee niyaadama jedhan. Barataa University Iowa kan tae bara 2018 manaa isaa Brooklyn Iowa fiigichaaf bahe kan achumaan dhahameedha.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content
  • Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.Governor Kim Reynolds akka jetteti state Iowa garee Republican…