A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Damee fayyaa magaala Sioux City naannawa metro argamu namni muraasni covid-19 akka qabame guyyaa

Damee fayyaa magaala Sioux City naannawa metro argamu namni muraasni covid-19 akka qabame guyyaa harbaa kana gabaase.

Duuti haarowni hin jiruu. Magaala Woodbury fi Dakota kessatti waliigalati nama 73 getee dutii.

Magaala Woodbury keessatti nama 2 dabalatan qabameera, waliigalatti 3000 olii. Dakota County keessatti namani 1 dabalataan yoo qabame, waliigalatti 1,700 ol taree jira. Union county nama 113 qabamu galmeesite jirti.

Magaalan South Dakota keessatti namni haarawa qabame 84 yoo ta’u, waliigalati 6,050 gaheera. Akkasumas namni du’e 78 dha.

Magaala Nebraska keesatti namni waliigalati qabame 17,000 (17,031) dha. Akkasumas kan du’e 231 gaheera.

Websayitinii coronavirus kan Iowa waliigalati kan qabame 24,400 yoo ta’u, 673 amoo akka du’aan mulisa. Sa.aati 24 keessati du’a 9 tuu aragame.

Sagantaan bonaa (summer) barattota Sioux City dhaf ture waggaa kana hinjiru.

Beyond the Bell, sa’aati guutu eega hasawaan dabarsan booda murtii murteesaan facebook irrati beeksisa baasabiru. Sagantaan kun waan warraa jarrattif faydaa hin kenniinef itti mulatte, akkasumas covid-19 sodaachu irra.

Mana barumsaa ijoole shamaranii ykn Girls Inc. kan Sioux city gama isaanitin barattoota lakkoofsi xiqqaa sochii isaani gabaabsuf karoorfataniiru. Sagantaan jaraa daddafiiti guutame. Akkasumaas yoo namni qarqaarsa dubartoota warra barbaadanif nyaata bilaasha Wiyxata hangaa Jum’aa 4:30 – 5:30 pm ijoole umriin isaani 18 fi achii gad jiraniif warra isaani yokin eeydonni isaani fuudhu ni danda’u.

Eebba mana barumsaa alaatti kana kabajuudhaf guyya sanbataa June 2 tti Bishop Heelan High School kan Sioux city keessatti argamu karoorfateera. Qophiinis sa’aati 5 p.m. bakkii Memorial Field tti. Television dhaanile kan darbu ta’a. qophiin yeroo jalqaba May 17 qophaahuf karoorfatame ture. Garuu sababa dhukuba dhiifame ture.

Artin magaala Sioux City akka jedhetti facility banamuudhaf ammas torbaan olii akka fagaate himan. Dura bu’aan facility akka jedhetti bona keessa barumsa boonaa akka hin jirree fi barumsa kan biraas akka hin jirre dubbatan. Barumsi artii center barumsaa isaa guddisuuf barumsa online irrati akka qopheessa jiru himan. Online irratti video baaye kan gad dhiifame ni argatu. Dabalataan baratoota prechool dhaaf Arti harka kan mannati sudhatani hojjatan, barattoota dhibaatamaf sagantaa kana uumudhag hojachuu jirani.

Arti center ammati yaada wahiiti hin qabanii fulduratti annual ArtSplash  kan alaa karoora itti hinqabani. Haasoyni murtaahee July irrati eegama.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content