A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations
News and resources regarding COVID-19

Kutaa Iowa kessati namni haarawa coronavirus qabame 740 yoo ta’u dutii 8 ta’uu himamee

Kutaa Iowa kessati namni haarawa coronavirus qabame 740 yoo ta’u dutii 8 ta’uu himamee, waliigalati namni sababa coronavirus du’e 170 yoo ta’e kan qabame  immo 7,900 gahaniiru.

Bulchistuun akka jetteti bakka dhukubni kun babal’ata jiruti qoranno dabalataan akka babal’atu goona.

Magaala Woodbury county namni coronavirus qabame 1,000 yoo ta’u namni haarawa qabame 183 dha.

Magaala Dakota keessatti namni haarawa qabame 164 waliigalatti nama 942 gahaniiru.

Magaala Woodbury county keessatti namni qoranno qorame 3,000, nama magaala biirale dabalatte.

Qorannon birra dabalataan  ajajjame, kun TestIowa campus Iowa tech community college waliin akka wiyxata irraa jalqabu himan.

Kampanin Tyson hojattoota isaa namni 669 coronavirus qabamu isaa irrati gaafi oduu himan gafateef deebi deebisu dide.

Hojattoota 4,300 kan achii dalaaguf, qulqulina guddaa fi qoranno baay’e wiyxata irraa qophesu himan.

Sioux land public media haasawaa Tyson gaafi gaafatanis haga ammaa deebi akka irraa hin argatin himan.

Manni fayyaa naanicha hojattoota virusichan miidhaman maqaa jaraa himu didani. Akka jedhanitti sun seera cabsudhaa.

Qonnaan bultooni baayen akka jedhaniiti booyeedhan keena horsiisu male fala biraa hin qabnu jedhan.

Dura taa’anni akka jedhanitti biyya guutu keessatti booyee 700,000 kan ta’u kampanin cufamuu irraa kan ka’e baay’acha jiraachu himan.

qonnaan bultoota qarqaaruf USDA bakka beeyladooni itti turan fi meesha adda addaa akka qopheesu jiran himan.

Union akka himeti kampanin smithfield pork kan sioux falls keessa argamu wiyxata banama jedhaniiru. Erga hojattooni 800 coronavirus qaban booda, garuu torbaan 2 oliif cufame ture.

United food fi commercial workers local chapter akka jedheti hojattooni 250 akka department report godhan gaafataman, kunis wari foon boyyee dalaguu fi kan qulqulleesan.

Guyyaa har’ara irra jalqabe bakkeewan amantoota kutaa Iowa keessati argaman akka banamu hayyamameera garuu akka nama muraasan walgahan.

Manneen amanti kan akka Christian, local synagogues, masjiida fi Sioux land Oromo Islamic center akka banamu hayyamame.

Related Content